7 “Yaa Xiyoon kottu! Ati kan intala Baabilon keessa jiraattu baqadhu!” 8Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhaatii: “Namni si tuqu kam iyyuu argituu ija isaa waan tuquuf, erga Inni Ulfina Qabeessi saboota si saaman sanatti na ergee booddee, 9 akka garboonni isaanii isaan saamaniif ani dhugumaan harka koo isaanitti ol nan kaafadha. Ergasii isin akka Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu na erge ni beektu.
10 “Yaa Intala Xiyoon gammadii ililchi. Ani dhufee gidduu kee nan jiraadhaatii” jedha Waaqayyo. 11 “Bara sana saboonni hedduun gara Waaqayyootti deebiʼanii saba koo taʼu. Ani immoo gidduu kee nan jiraadha; ati akka Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu sitti na erge ni beekta. 12Waaqayyo akkuma qooda isaa kan biyya qulqulluu keessaatti Yihuudaa ni dhaala; Yerusaaleminis deebiʼee ni filata. 13 Sababii inni iddoo jireenya isaa qulqulluu sanaa ol kaʼeef, sanyiin namaa hundi fuula Waaqayyoo duratti calʼisaa.”