3
Gara Waldaa Kiristaanaa Sardeesitti
1
Gara Waldaa Kiristaanaa Filaadelfiyaatti
7
8 Ani hojii kee beeka. Kunoo, ani balbala banamaa namni cufuu hin dandeenye tokko fuula kee dura kaaʼeera. Akka ati humna xinnoo qabdus beeka; taʼus dubbii koo eegdeerta; maqaa koos hin ganne. 9 Kunoo, ani warra waldaa Seexanaa taʼan kanneen utuu Yihuudoota hin taʼin Yihuudoota ofiin jedhanii soban keessaa tokko tokko akka isaan dhufanii miilla kee irratti kufanii sagadanii fi akka isaan akka ani si jaalladhe beekan nan godha. 10 Ajaja ani akka ati obsaan dhaabattuuf siif kenne sana waan eegdeef, anis saʼaatii qorumsaa kan warra lafa irra jiraatan qoruuf addunyaa guutuutti dhufuuf jiru sana irraa si oolcha. 11 Ani dafeen dhufa. Atis akka namni tokko iyyuu gonfoo kee hin fudhanneef waan qabdu jabeessii qabadhu. 12 Nama moʼatus mana qulqullummaa Waaqa koo keessatti utubaa nan godha. Innis achi keessaa gonkumaa hin baʼu. Anis maqaa Waaqa kootii fi maqaa magaalaa Waaqa koo, maqaa Yerusaalem ishee haaraa, ishee Waaqa koo biraa samii irraa gad buutu sanaa isa irratti nan barreessa; maqaa koo haaraas isa irratti nan barreessa. 13 Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.
Gara Waldaa Kiristaanaa Lodooqiyaatti
14
15 Akka ati qabbanaaʼaa yookaan hoʼaa hin taʼin ani hojii kee beeka! Ani utuu ati qabbanaaʼaa yookaan hoʼaa taatee silaa nan hawwa ture. 16 Kanaafuu ati waan laphii [d]taateef, hoʼaa yookaan qabbanaaʼaa waan hin taʼiniif ani afaan kootii si tufuu gaʼeera. 17 Ati, ‘Ani sooressa; qabeenya argadheera; wanni na barbaachisu tokko iyyuu hin jiru’ jetta. Garuu ati deegaa, rakkataa, hiyyeessa, jaamaa fi qullaa taʼuu kee hin beektu. 18 Kanaafuu ati akka sooromtuuf, warqee ibiddaan qulqulleeffame akka narraa bitattu, akka qullaa kee qaanessaa sana haguuggattuufis uffata adii uffattu akka narraa bitattu, akka arguu dandeessuuf immoo kuulii ijatti naqattu akka narraa bitattu sin gorsa. 19 Ani warran jaalladhu nan ifadha; nan adabas. Kanaafuu jabaadhu; qalbii jijjiirradhus. 20 Kunoo, ani balbala dura dhaabadheen balbala rurrukuta. Yoo namni kam iyyuu sagalee koo dhagaʼee balbala naaf bane, ani ol seenee isa wajjin irbaata nan nyaadha; innis na wajjin ni nyaata. 21 Akkuma ani moʼadhee Abbaa koo wajjin teessoo isaa irra taaʼe sana, namni moʼatus akka inni na wajjin teessoo koo irra taaʼuuf mirga nan kennaaf. 22 Namni gurra qabu waan Hafuurri waldoota kiristaanaatiin jedhu haa dhagaʼu.”
<- Mulʼata 2Mulʼata 4 ->
-
a 3:1 Sardeesitti – Sardees magaalaa guddoo mootummaa Liidiyaa kan durii turte. Isheenis magaalaa Soorettii wiirtuu industirii beekamtuu iddoo uffanni suufii fi miʼoonni qalamii dibaman itti hojjetaman turte; taʼus magaalattiin kun sochii lafaa kan bara 17 (bara araaraa) keessa taʼee fi waraana garaa garaatiin moʼatamtee gad deebiteerti.
b 3:7 Filaadelfiyaatti – Filaadelfiyaan wiirtuu daldalaa kan hojii gogaatii fi jirbiitiin beekamte, kan lafa qotiisaa badhaadhaa isaatiin marfamtee dha; garuu sochii lafaatiif saaxilamtuu dha.
c 3:14 Lodooqiyaatti – Lodooqiyaan magaalaa sooromtuu fi magaalaa daldalaa kan guddachaa jirtu turte. Isheenis iddoo jireenya hojjettoota miʼa suufii biyya sanaa irraa hojjetamee turte. Miʼi suufii kunis gurraacha cululuqaa taʼuu isaatiin beekamaa ture. Akkasumas magaalattiin wiirtuu hojii baankiitii fi iddoo Asqelephoos waaqichi tolfamaan itti waaqeffatamu turte.
d 3:16 Laphii – Lodooqiyaa bira burqaawwan hoʼaa bishaanonni isaanii fagoo deemanitu ture. Bishaan kunis laphii (bulluqoo) taʼee ergasii qilee (hallayyaa) fuula Lodooqiyaa duraatti dhangalaʼa ture. Bishaan sunis dhukkuba namatti fida ture.