5 Akka bineensichi dubbii of tuulummaatii fi arrabsoo dubbatuuf afaan ni kennameef; jiʼa afurtamii lamaaf akka ittiin hojjetuufis taayitaan isaaf kenname. 6 Innis Waaqa arrabsuuf, Waaqaa fi iddoo jireenya isaa, akkasumas warra samii keessa jiraatan maqaa balleessuuf jedhee afaan banate. 7 Akka inni qulqullootatti waraana kaasee isaan moʼatuufis humni ni kennameef. Gosa hunda, saba hunda, afaanii fi sanyii hunda irrattis taayitaan ni kennameef. 8 Warri lafa irra jiraatan hundinuu jechuunis warri maqaan isaanii erga addunyaan uumamee jalqabee kitaaba jireenyaa kan Hoolicha qalame sanaa keessatti hin galmeeffamin hundinuu bineensichaaf ni sagadu.
9 Namni gurra qabu kam iyyuu haa dhagaʼu.
11 Bineensa biraas utuu inni lafa keessaa baʼuu nan arge. Innis akka hoolaa gaanfa lama qaba ture; akka bineensa jawwee fakkaatuuttis dubbata ture. 12 Innis taayitaa bineensicha jalqabaa hundaan fuula isaa duratti hojjechaa ture; akka laftii fi warri lafa irra jiraatan bineensicha jalqabaa isa madaan duʼa fidu fayyeef sanaaf sagadanis godhe. 13 Innis hamma akka ibiddi samii irraa lafatti gad buʼu godhutti ija namaa duratti dinqii gurguddaa hojjete. 14 Mallattoo akka inni iddoo bineensichi jalqabaa jirutti hojjetuuf eeyyamameef sanaanis namoota lafa irra jiraatan ni gowwoomse. Akka isaan ulfina bineensicha goraadeedhaan madaaʼee ergasii immoo jiraate sanaatiif fakkii dhaaban ajaje. 15 Fakkiin bineensa jalqabaa sunis akka dubbachuu dandaʼuu fi warra fakkii sanaaf sagaduu didan hundas akka ajjeesisuuf bineensi inni lammaffaan akka fakkii sanaaf lubbuu kennuuf humni kennameef. 16 Akkasumas namni hundinuu xinnaa fi guddaan, sooressii fi hiyyeessi, birmaduu fi garbi harka mirgaa irratti yookaan adda irratti akka mallattoo qabaatu dirqisiise; 17 kunis akka namni mallattoo kana jechuunis maqaa bineensichaa yookaan lakkoobsa maqaa isaa hin qabaatin kam iyyuu bitachuu yookaan gurgurachuu hin dandeenyeef.
18 Ogummaan as jira. Lakkoobsichi waan lakkoobsa namaa taʼeef namni hubannaa qabu kam iyyuu lakkoobsa bineensichaa haa herregu. Lakkoobsi isaas 666.
<- Mulʼata 12Mulʼata 14 ->