Miidhagina Waaqayyoo
Faarfannaa 93
1 Waaqayyo ni moʼa; surraas ni uffata;
Addunyaan cimtee dhaabamteerti; hin sochoofamtus.
2 Teessoon kee durumaa jalqabee cimee dhaabateera;
ati durii duriitii jalqabdee jirta.
3 Yaa Waaqayyo , galaanonni ol kaasaniiru;
galaanonni sagalee isaanii ol kaafataniiru;
galaanonni huursuu isaanii ol kaafataniiru.
4 Sagalee bishaan baayʼee caalaa,
jabina dhaʼaa galaanaa caalaas,
5 Seerri kee jabaatee ni dhaabata;
Yaa Waaqayyo , qulqullummaan bara baraan