Waaqa Amanachuu
Faarfannaa 56
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Gugee Qilxuu Fagoo irraa” jedhuun faarfatame. Miiktaamii Faarfannaa Daawit. Innis yeroo Filisxeemonni Gaati keessatti isa qaban faarfate.
1 Yaa Waaqi na maari;
diinonni koo akka malee na ariʼu;
guyyaa guutuus na cunqursu.
2 Diinonni koo guyyaa guutuu na gaadu;
namoonni baayʼeen of tuulummaadhaan na lolu.
3 Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha.
4 Waaqa ani dubbii isaa jajadhu,
Waaqa nan amanadha; homaa hin sodaadhu.
Namni duʼa hin oolle maal na gochuu dandaʼa?
5 Isaan guyyaa guutuu dubbii koo micciiru;
na miidhuudhaafis yeroo hunda natti malatu.
6 Isaan ni mariʼatu; ni riphus;
lubbuu koo galaafachuuf jedhanii
tarkaanfii koo eeggatu.
7 Sababii hammina isaaniitiif akka isaan miliqan hin godhin;
yaa Waaqi, dheekkamsa keetiin saboota gad deebisi.
8 Gadadamu koo galmeessi;
imimmaan koos kitaaba kee keessatti barreessi;
isaan galmee kee keessa jiru mitii?
9 Yommuu ani gargaarsaaf si waammadhutti,
diinonni koo dugda duuba deebiʼu.
Anis kanaan akka Waaqni na wajjin jiru beeka.
10 Waaqa ani dubbii isaa jajadhu,
11 Waaqa nan amanadha; ani homaa hin sodaadhu.
Namni maal na gochuu dandaʼa?
12 Yaa Waaqi wareegni kee narra jira;
aarsaa galataas siif nan dhiʼeessa.
13 Akka ani fuula Waaqaa dura,
ifa jireenyaa keessa deddeebiʼuuf,
ati lubbuu koo duʼa jalaa,