Iyyata Nama Qajeelaa
Faarfannaa 17
Kadhannaa Daawit.
1 Yaa Waaqayyo , iyyata ani murtii qajeelaaf iyyadhu dhagaʼi;
booʼicha koos dhaggeeffadhu.
Kadhannaa koo kan afaan nama hin gowwoomsine
keessaa baʼuufis gurra kenni.
2 Murtiin koo si biraa haa dhufu;
iji kees waan qajeelaa haa argu.
3 Ati yoo garaa koo qorte, halkaniinis yoo na ilaalte,
yoo na sakattaates, homaa narratti hin argattu;
ani akka afaan koo cubbuu hin hojjenneef kutadheeraatii.
4 Waaʼee hojii namootaa immoo ani dubbii afaan keetiitiin
karaa gooltotaa irraa of eeggadheera.
5 Tarkaanfiin koo karaa kee irratti cimeera;
miilli koos hin mucucaanne.
6 Yaa Waaqi, waan ati deebii naa kennituuf ani sin waammadha;
gurra kee gara kootti qabiitii kadhannaa koo dhagaʼi.
7 Yaa isa warra diinota isaanii jalaa sitti baqatan
harka kee mirgaatiin oolchitu,
ati jaalala kee isa hin geeddaramne sana haala dinqisiisaadhaan argisiisi.
8 Akka agartuu ija keetiitti na eegi;
gaaddidduu qoochoo keetiitiinis na dhoksi;
9 hamoota na dhiphisan jalaa,
diinota na ajjeesuuf na marsan jalaa na baasi.
10 Isaan garaa isaanii kan namaa hin naane sana ni guduunfu;
afaan isaaniis of tuulummaadhaan dubbata.
11 Isaan faana na dhaʼu; ammas na marsaniiru;
lafaan na dhaʼuudhaafis ija babaasu.
12 Isaan akka leenca waa kukkutachuu kajeeluu ti;
akka leenca guddaa riphee waa gaaduu ti.
13 Yaa Waaqayyo kaʼi; itti baʼiitii isaan kuffisi;
goraadee keetiinis hamoota jalaa na baasi.
14 Yaa Waaqayyo , namoota akkanaa jalaa,
namoota addunyaa kanaa warra qoodni isaanii jireenyuma ammaa taʼe jalaa
harka keetiin na baraari.
harka keetiin na baraari.
Garaan isaanii waan ati isaaniif kuufte haa quufu;
ijoolleen isaaniis akka malee haa quufan;
isaanis waan isaan irraa hafe daaʼimman isaaniitiif haa kaaʼan.
15 Ani garuu qajeelummaadhaan fuula kee nan arga;