Waaqa Dhugaa Tokkicha
Faarfannaa 115
115:4‑11 kwf – Far 135:15‑20
1 Nuuf miti; yaa Waaqayyo , nuuf miti;
garuu jaalalaa fi amanamummaa keetiif jedhiitii
maqaa keetiif ulfina kenni.
2 Saboonni maaliif,
“Waaqni isaanii eessa jira?” jedhu?
3 Waaqni keenya samii keessa jira;
inni waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.
4 Waaqonni isaanii tolfamoon garuu meetii fi
warqee harka namaatiin hojjetamanii dha.
5 Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan;
ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan;
6 gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan;
funyaan qabu; garuu fuunfachuu hin dandaʼan;
7 harka qabu; garuu qaqqabachuu hin dandaʼan;
miilla qabu; garuu deemuu hin dandaʼan;
laagaa isaanii keessattis sagalee tokko illee hin uuman.
8 Warri isaan tolchan
kanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu.
9 Yaa mana Israaʼel, Waaqayyoon amanadhu;
inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
10 Yaa mana Aroon, Waaqayyoon amanadhu;
inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
11 Isin warri isa sodaattan, Waaqayyoon amanadhaa;
inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
12 Waaqayyo nu yaadata; nu eebbisas;
inni mana Israaʼel ni eebbisa;
mana Aroonis ni eebbisa;
13 inni warra Waaqayyoon sodaatan,
xinnaas guddaas ni eebbisa.
14 Waaqayyo , isinii fi
ijoollee keessan haa baayʼisu.
15 Waaqayyo samii fi
lafa Uume sun isin haa eebbisu.
16 Samiin samiiwwanii oliis kan Waaqayyoo ti;
lafa garuu inni namaaf kenneera.
17 Warri duʼan yookaan warri gara iddoo calʼisanitti gad buʼan
18 nu garuu ammaa jalqabnee bara baraan