15
1 Deebiin laafaan dheekkamsa qabbaneessa;
jechi hamaan garuu aarii kakaasa.
2 Arrabni nama ogeessaa beekumsa jaja;
afaan nama gowwaa garuu gowwummaa dhangalaasa.
3 Iji Waaqayyoo idduma hunda jira;
nama hamaa fi gaariis ni toʼata.
4 Arrabni fayyina fidu muka jireenyaa ti;
arrabni sobu garuu hafuura cabsa.
5 Gowwaan adabbii abbaa isaa tuffata;
namni sirreeffama fudhatu kam iyyuu garuu qalbii qabeessa.
6 Manni nama qajeelaa badhaadhummaa guddaa qaba;
galiin nama hamaa garuu rakkoo isatti fida.
7 Arrabni nama ogeessaa beekumsa facaasa;
garaan nama gowwaa garuu akkas miti.
8 Waaqayyo aarsaa hamootaa ni balfa;
kadhannaan tolootaa garuu isa gammachiisa.
9 Waaqayyo karaa hamootaa ni balfa;
warra qajeelummaa duukaa buʼan garuu ni jaallata.
10 Nama daandii irraa jalʼatu adabbii hamaatu isa eeggata;
kan sirreeffama jibbu ni duʼa.
11 Duʼaa fi Badiisni fuula Waaqayyoo duratti beekamoo dha;
yoos garaan namaa hammam caalaa haa beekamu ree!
12 Namni qoosu sirreeffama hin jaallatu;
nama ogeessaanis hin mariʼatu.
13 Garaan gammadu akka fuulli ifu godha;
gaddi garaa garuu hafuura cabsa.
14 Garaan waa qalbeeffatu beekumsa barbaada;
afaan gowwaa garuu gowwummaa nyaata.
15 Barri nama hacuucamee guutumaan guutuutti gadadoo dha;
garaa gammaduuf garuu guyyaan hundinuu cidha.
16 Qabeenya guddaa rakkina of keessaa qabuu mannaa,
17 Jibbaan cooma sangaa nyaachuu mannaa,
jaalalaan raafuu nyaachuu wayya.
18 Namni dafee aaru lola kakaasa;
namni obsa qabu garuu lola qabbaneessa.
19 Karaan nama dhibaaʼaa qoraattiidhaan cufama;
daandiin tolootaa garuu karaa diriiraa dha.
20 Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa;
namni gowwaan garuu haadha isaa tuffata.
21 Nama qalbii hin qabne gowwummaatu isa gammachiisa;
namni hubataan garuu daandii qajeelaa irra deema.
22 Karoorri gorsa hin qabne fiixaan hin baʼu;
garuu gorsitoota hedduudhaan ni milkaaʼa.
23 Namni tokko deebii malu kennuudhaan gammachuu argata;
dubbiin yeroo isaatti dubbatamu akkam gaarii dha!
24 Daandiin nama hubataa akka inni siiʼoolitti gad hin buuneef
gara jireenyaatti ol isa baasa.
25 Waaqayyo mana nama of tuuluu ni diiga;
daangaa haadha hiyyeessaa garuu ni dhaaba.
26 Waaqayyo yaada nama hamaa ni balfa;
yaadni nama qulqulluu garuu isa gammachiisa.
27 Namni doqni maatii isaatti rakkina fida;
kan mattaʼaa jibbu garuu ni jiraata.
28 Garaan nama qajeelaa haala ittiin deebii kennu yaada;
afaan nama hamaa garuu hammina dhangalaasa.
29 Waaqayyo nama hamaa irraa fagoo jira;
kadhannaa nama qajeelaa garuu ni dhagaʼa.
30 Fuulli ifaan garaa gammachiisa;
oduun gaariinis lafee haaromsa.
31 Namni adabbii jireenya kennu dhaggeeffatu,
ogeeyyii gidduu jiraata.
32 Namni adabbii tuffatu ofuma tuffata;
kan sirreeffama fudhatu garuu hubannaa argata.
33 Waaqayyoon sodaachuun ogummaa nama barsiisa;
gad of qabuunis ulfina dura dhufa.