1 Ilmaan Ruubeenii fi ilmaan Gaad warri loonii fi bushaayee hedduu qaban akka biyyi Yaʼizeerii fi biyyi Giliʼaad horii isaaniitiif tolu argan. 2 Isaan gara Musee, gara Eleʼaazaar lubichaatii fi gara hooggantoota waldaa dhufanii akkana jedhan; 3 “Axaaroti, Diiboon, Yaʼizeer, Niimraa, Heshboon, Eleʼaalee, Sebaamaa, Neboo fi Beʼoon, 4 biyyi
6 Museenis ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeeniin akkana jedhe; “Obboloonni keessan duula dhaqanii isin immoo as teessuu? 7 Isin maaliif akka Israaʼeloonni biyya
14 “Yaa sanyii cubbamootaa nana, isin kunoo dheekkamsa
16 Isaan gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; “Nu asitti horii keenyaaf dallaa, dubartootaa fi ijoollee keenyaaf immoo magaalaawwan ijaarra. 17 Nu garuu hamma lafa isaaniitiin isaan geenyutti hidhannee Israaʼel dura deemuuf qophaaʼoo dha. Yeroo kanatti akka jiraattoonni biyyattii isaan hin tuqneef dubartoonnii fi ijoolleen keenya magaalaawwan dallaa jabaa qaban keessa haa jiraatan. 18 Hamma tokkoon tokkoon Israaʼelootaa dhaala ofii isaanii argatanitti nu mana keenyatti hin deebinu. 19 Sababii dhaalli keenya laga Yordaanos irraa gara baʼaatti nuuf kennameef nu Yordaanos irraa gama kaaniin isaan wajjin waan dhaallu hin qabnu.”
20 Museenis akkana isaaniin jedhe; “Yoo isin waan kana gootan, yoo isin fuula
23 “Garuu isin yoo waan kana gochuu baattan, kunoo
25 Ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeen Museedhaan akkana jedhan; “Nu garboonni kee akkuma gooftaan keenya nu ajaju goona. 26 Ijoolleen keenyaa fi niitonni keenya, bushaayeen keenyaa fi loon keenya, asuma magaalaawwan Giliʼaaditti haa hafan. 27 Nu garboonni kee garuu tokkoon tokkoon keenya akkuma gooftaan keenya jedhe sana duulaaf qophoofnee fuula
28 Ergasiis Museen waaʼee isaanii Eleʼaazaar lubichaaf, Iyyaasuu ilma Nuunitii fi abbootii maatii gosoota Israaʼeliif ajaja kenne. 29 Innis akkana isaaniin jedhe; “Yoo ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeen, namni waraanaaf hidhate hundi fuula
31 Ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeenis akkana jedhanii deebii kennan; “Nu garboonni kee waan
33 Museenis mootummaa Sihoon mootii Amoorotaa fi mootummaa Oogi mootii Baashaan jechuunis biyya sana guutuu magaalaawwan isaaniitii fi bulchiinsa naannoo isaanii jiru sana ilmaan Gaadiitiif, ilmaan Ruubeeniitii fi walakkaa gosa Minaasee ilma Yoosefiif kenne.
34 Ilmaan Gaadis magaalaawwan Diiboon, Axaaroti, Aroʼeer, 35 Atroot Shoofaan, Yaʼizeer, Yogbihaa, 36 Beet Niimraa fi Beet haaraan magaalaawwan jajjaboo godhanii ijaaran. Bushaayee isaaniitiifis dallaa ijaarratan. 37 Ilmaan Ruubeenis magaalaawwan Heshboon, Eleʼaaleenii fi Kiriyaataayim, 38 akkasumas Neboo fi Baʼaal Meʼoon jechuunis magaalaawwan maqaan isaanii geeddaramee fi Sibimaa deebisanii ijaaran. Isaanis magaalaawwan deebisanii ijaaran sanaaf maqaa baasan.
39 Ijoolleen Maakiir ilma Minaasees gara Giliʼaad dhaqanii biyyattii qabatanii Amoorota achi turan ariʼanii baasan. 40 Museenis Giliʼaadin ijoollee Maakiir sanyii Minaaseetiif kenne; isaanis achi qubatan. 41 Yaaʼiir ilmi Minaasees dhaqee gandoota isaanii fudhatee gandoota Yaaʼiirootaa jedhee moggaase. 42 Noobaan immoo Qeenaatii fi gandoota naannoo isaa jiran qabatee Noobaa jedhee maqaa ofii isaatiin waame.
<- Lakkoobsa 31Lakkoobsa 33 ->