1 “ ‘Guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; gaafas hojii idilee hin hojjetinaa. Guyyaan kun guyyaa isin itti malakata afuuftanii dha. 2 Dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan fooliin isaa
7 “ ‘Bultii kurnaffaa jiʼa torbaffaa kanaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; isinis gad of deebisaa; hojii tokko illees hin hojjetinaa. 8 Dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan fooliin isaa
12 “ ‘Bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilee hin hojjetinaa.
17 “ ‘Bultii lammaffaatti jiboota loonii kudha lama, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa. 18 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaatii fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa. 19 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaattii fi dhibaayyuu isaaniitti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
20 “ ‘Bultii sadaffaatti jiboota loonii kudha tokko, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa. 21 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjinis kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa. 22 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
23 “ ‘Bultii afuraffaatti jiboota loonii kudhan, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa. 24 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa. 25 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaattii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
26 “ ‘Bultii shanaffaatti jiboota loonii sagal, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa. 27 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa. 28 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
29 “ ‘Bultii jaʼaffaatti jiboota loonii saddeeti, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa. 30 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa. 31 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
32 “ ‘Bultii torbaffaatti jiboota loonii torba, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa. 33 Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa. 34 Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
35 “ ‘Bultii saddeettaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilee hin hojjetinaa. 36 Dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼeeffamuu fi kan fooliin isaa
39 “ ‘Aarsaa keessan kan gubamu, kennaa midhaan keessanii, dhibaayyuu keessanii fi aarsaa keessan kan nagaa, kan wareega keessaniitii fi aarsaa fedhii keessaniin dhiʼeessitanitti dabalaatii ayyaana keessan beekamaa sana irratti
40 Museenis waan
-
a 29:3 Iifiin tokko kiiloo giraamii 22.