12Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Tulluu Abaariim kanatti ol baʼiitii biyya ani saba Israaʼeliif kenne ilaali. 13 Erga biyya sana argitee booddee atis akkuma obboleessa kee Aroon gara saba keetiitti walitti qabamta; 14 yeroo waldaan Gammoojjii Siin keessatti natti finciletti isin lachanuus ajaja kootti finciltanii turtaniitii. Isin bishaanota sana biratti fuula isaanii duratti qulqullina koo hin mulʼifne.” Bishaanonni kunneenis bishaanota Mariibaa Qaadesh kan Gammoojjii Siin keessa jiranii dha.
15 Museenis Waaqayyoon akkana jedhe; 16 “Waaqayyo Waaqni hafuurota nama hundaa waldaa kana irratti nama tokko haa muudu; 17 namichi kunis akka sabni Waaqayyoo akkuma hoolota tiksee hin qabnee hin taaneef kan isaan dura gad baʼuu fi ol galu, kan gad isaan baasuu fi ol isaan galchuu dha.”
18Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Iyyaasuu ilma Nuuni, namicha hafuurri keessa jiru sana fuudhii harka kee isa irra kaaʼi. 19 Akka inni fuula Eleʼaazaar lubichaatii fi fuula waldaa Israaʼel hundaa dura dhaabatu godhi; fuuluma isaanii durattis isa muudi. 20 Akka sabni Israaʼel hundi isaaf ajajamuuf aangoo kee irraa kenniif. 21 Innis fuula Eleʼaazaar lubichaa kan fuula Waaqayyoo duratti Uriimiidhaan gaafatee murtii isaaf kennuu dura dhaabachuu qaba. Innii fi waldaan Israaʼelootaa hundi ajaja isaatiin baʼu; ajajuma isaatiinis galu.”
22 Museen akkuma Waaqayyo isa ajaje sana godhe. Innis Iyyaasuu geessee akka inni fuula Eleʼaazaar lubichaatii fi fuula waldaa Israaʼel hundaa dura dhaabatu godhe. 23 Ergasiis akkuma Waaqayyo karaa Museetiin ajaje sana harka ofii isaa isa irra kaaʼee isa muude.