1 Israaʼeloonni yeroo Shixiim keessa turanitti dhiironni isaanii dubartoota Moʼaab wajjin sagaagaluu jalqaban. 2 Dubartoonni kunneenis gara qalma waaqota isaaniitti saba sana afeerraan, sabni sun qalma sana nyaatee waaqota sanaaf sagade. 3 Israaʼel Baʼaal Pheʼoor duukaa buʼe. Dheekkamsi
4
5 Museen abbootii murtii Israaʼeliin, “Tokkoon tokkoon keessan namoota keessan kanneen Baʼaal Pheʼoor duukaa buʼan fixaa” jedhe.
6 Kunoo namichi Israaʼel tokko utuma isaan balbala dunkaana wal gaʼii duratti booʼaa jiranuu fuula Museetii fi fuula waldaa Israaʼel guutuu duratti dubartii Midiyaan tokko gara maatii ofii isaatti fidate. 7 Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar ilma Aroon lubichaa waan kana arginaan waldaa sana keessaa baʼee eeboo harkatti qabatee 8 namicha Israaʼel sana duukaa buʼee dunkaana seene; namicha Israaʼelii fi dubartittiis walitti waraanee dhagna isheetti fullaase. Akkasiin dhaʼichi Israaʼelitti dhufe sun ni dhowwame. 9 Garuu baayʼinni namoota dhaʼicha sanaan dhumanii 24,000 gaʼee ture.
10
14 Maqaan namicha Israaʼel kan dubartii Midiyaan wajjin ajjeefame sanaa Zimrii ilma Saaluu ti; innis hoogganaa maatii Simiʼoon. 15 Maqaan dubartii Midiyaan kan ajjeefamte sanaa Kozbii intala Zuuri hangafa maatii Midiyaan tokkoo ti.
16