1
8 “Ilmaan Aroon luboonni malakatawwan sana haa afuufan. Kunis isinii fi dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu. 9 Isin yommuu biyya keessan keessatti diina isin cunqursu tokkotti duuluuf baatanitti malakatawwan sana afuufaa. Yoos
11 Jiʼa lammaffaa waggaa lammaffaa keessa guyyaa digdammaffaatti duumessi sun dunkaana dhuga Baʼumsaa irraa kaʼe. 12 Israaʼeloonnis Gammoojjii Siinaatii kaʼanii hamma duumessi sun Gammoojjii Phaaraanii keessa qubatutti iddoo tokko irraa gara iddoo biraatti deeman. 13 Isaan yeroo jalqabaa kanatti ajaja
14 Kutaan qubata ijoollee Yihuudaa faajjii isaanii jalaan jalqabatti deeman. Nahishoon ilmi Amiinaadaab ajajaa isaanii ture. 15 Naatnaaʼel ilmi Zuuwaar ajajaa kutaa gosa Yisaakor ture; 16 Eliiyaab ilmi Heeloon ajajaa kutaa gosa Zebuuloon ture. 17 Dunkaanni qulqulluun sunis achii buqqifame; akkasiin Geershoononnii fi Meraaronni warri dunkaana baatan kaʼanii deeman.
18 Kutaan qubata Ruubeenis faajjii isaanii jalaan itti aananii deeman. Eliizuur ilmi Shedeeʼuur ajajaa isaanii ture. 19 Shilumiiʼeel ilmi Zuriishadaayi ajajaa kutaa gosa Simiʼoon ture; 20 Eliyaasaaf ilmi Deʼuuʼeel ajajaa kutaa gosa Gaad ture. 21 Ergasii Qohaatonni miʼa qulqulluu baatanii kaʼanii deeman. Dunkaanni qulqulluun sun immoo utuu isaan achi hin gaʼin dhaabamee ture.
22 Kutaan qubata Efreemis faajjii isaanii jalaan itti aananii deeman. Eliishaamaan ilmi Amiihuud ajajaa isaanii ture. 23 Gamaaliʼeel ilmi Phedaasuur ajajaa kutaa gosa Minaasee ture; 24 Abiidaan ilmi Gaadeyoon ajajaa kutaa gosa Beniyaam ture.
25 Dhuma irratti kutaan qubata Daan eegduu karaa duubaa kan kutaawwan hundaa taʼanii faajjii isaanii jalaan kaʼanii deeman. Ahiiʼezer ilmi Amiishadaay ajajaa isaanii ture. 26 Fagiʼeel ilmi Okraan ajajaa kutaa gosa Aasheer ture; 27 Ahiiraan ilmi Eenaan ajajaa kutaa gosa Niftaalem ture. 28 Egaa kutaawwan saba Israaʼel yommuu kaʼanii deemanitti tartiiba kanaan sochoʼan.
29 Ergasii Museen Hoobaab ilma Reʼuuʼeel, namicha Midiyaan abbaa niitii Musee sanaan akkana jedhe; “Nu biyya
30 Inni immoo, “Lakki ani hin deemuu; ani biyyuma kootti gara saba kootti nan deebiʼa” jedhee deebise.
31 Museen garuu akkana jedheen; “Maaloo nu dhiistee hin deemin. Ati gammoojjii keessatti iddoo nu qubannu ni beekta; ijas nuu taʼuu dandeessa. 32 Yoo ati nu wajjin deemte nu waan gaarii
33 Isaan tulluu
35 Yeroo taabonni sun kaʼee deemu Museen akkana jedha ture;
36 Yeroo inni boqochuuf dhufu akkana jedha ture;