1 Gidduu sana tuunni biraa guddaan isaa ammas walitti qabame. Yesuusis sababii tuunni sun waan nyaatu hin qabaatiniif barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; 2
4 Barattoonni isaas deebisanii, “Namni kam iyyuu gammoojjii kana keessatti buddeena isaan gaʼu eessaa argachuu dandaʼa?” jedhan.
5 Yesuus immoo,
6 Innis akka namoonni sun lafa tataaʼan itti hime. Buddeena torban fuudhee erga galateeffatee booddee kukkutee akka isaan namootaaf dhiʼeessaniif barattoota isaatti kenne; isaanis namootaaf dhiʼeessan. 7 Akkasumas qurxummii xixinnoo muraasa qabu turan; qurxummii sanas eebbisee akka isaan namootaaf hiraniif barattoota isaatti hime. 8 Namoonnis nyaatanii quufan. Ergasiis barattoonni hambaa gundoo torba guutuu walitti qaban. 9 Isaanis gara nama kuma afurii turan. Innis erga of irraa isaan geggeessee booddee, 10 barattoota isaa wajjin yommusuma bidiruu yaabbatee biyya Daalmaanutaa dhaqe.
11 Fariisonnis dhufanii Yesuusitti falmuu jalqaban; isa qoruuf jedhaniis mallattoo samii irraa isa irraa barbaadan. 12 Innis hafuura dheeraa baafatee,
14 Barattoonnis buddeena tokkicha bidiruu keessaa of biraa qaban sana malee buddeena fudhachuu irraanfatanii turan. 15 Yesuusis,
16 Isaanis, “Kun sababii nu buddeena hin qabneef” jedhanii walii wajjin haasaʼan.
17 Yesuusis waan isaan haasaʼan beekee akkana jedhee isaan gaafate;
20 Innis,
21 Innis,
22 Isaanis Beetisayidaa dhaqan; jarri tokkos namicha jaamaa tokko fidanii akka inni isa qaqqabuuf Yesuusin kadhatan. 23 Innis namicha jaamaa sana harka qabee ganda sana keessaa baase. Ija isaattis tufee, harka isaas irra kaaʼee,
24 Namichis ol ilaalee, “Namoota nan arga; isaan muka deemu natti fakkaatu” jedhe.
25 Yesuus amma illee harka isaa ija namichaa irra kaaʼe. Iji namichaas ni baname; agartuun isaa ni deebiʼeef; waan hundas sirriitti arge. 26 Yesuusis namichaan,
27 Yesuusii fi barattoonni isaa gara gandoota naannoo Fiiliphoos Qiisaariyaa jiraniitti darban. Innis,
28 Isaanis, “Namoonni tokko tokko, ‘Inni Yohannis Cuuphaa dha’ jedhu; warri kaan, ‘inni Eeliyaas’ jedhu; kaan immoo, ‘inni raajota keessaa isa tokkoo dha’ jedhu” jedhanii deebisan.
29 Innis,
30 Yesuusis akka isaan waaʼee isaa nama tokkotti illee hin himneef isaan akeekkachiise.
31 Yesuusis akka Ilmi Namaa waan hedduun dhiphachuu qabu, akka maanguddootaan, luboota hangafootaa fi barsiistota seeraatiin tuffatamuu qabuu fi akka ajjeefamuu qabu, guyyaa sadii booddee immoo akka duʼaa kaʼu isaan barsiisuu jalqabe. 32 Innis waaʼee kanaa ifatti baasee dubbate; Phexrosis kophaatti baasee isa ifachuu jalqabe.
33 Yesuus garuu of irra garagalee barattoota isaa ilaale; Phexrosiinis,
34 Ergasii inni tuuta sanaa fi barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe;