6“Amma iyyuu inni nama ergu tokko qaba ture; innis ilma isaa jaallatamaa dha. Namichis, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee dhuma irratti isa ergate.
7“Qottoonni sun garuu, ‘Dhaaltuun isa kana. Kottaa isa ajjeefnaa; dhaalli sun keenya taʼaatii’ waliin jedhan.8Kanaafuu isaan fuudhanii isa ajjeesan; iddoo dhaabaa wayinii keessaas gad baasanii isa gatan.
9“Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa maal godhinna laata? Inni dhufee qottuuwwan sana ni ajjeesa; iddoo dhaabaa wayinii sanas namoota biraatti kennata.10Isin Katabbii Qulqulluu hin dubbifnee? Innis akkana jedha:
12 Isaanis akka inni isaaniin mormuudhaan fakkeenya sana dubbate waan beekaniif isa qabuu barbaadan. Garuu namoota sana sodaatan; kanaafuu isa dhiisanii qajeelan.
Waaʼee Gibira Baasuu
12:13‑17 kwf – Mat 22:15‑22; Luq 20:20‑26
13 Ergasii waan inni dubbatuun isa qabuuf jedhanii Fariisotaa fi garee Heroodis keessaa jara tokko Yesuusitti ergan. 14 Isaanis gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; “Yaa barsiisaa, akka ati nama dhugaa taate beekna. Ati waan fuula namaa hin ilaalleef namni kam iyyuu karaa irraa si hin jalʼisuutii; garuu ati dhugaadhaan karaa Waaqaa barsiifta. Qeesaariif gibira baasuun eeyyamameera moo hin eeyyamamne? 15 Haa baasnu moo haa dhiifnuu?”
Yesuus garuu fakkeessitummaa isaanii beekee, “Isin maaliif na qortu? Mee diinaarii[b]tokko natti fidaa nan ilaalaa” jedheen. 16 Isaanis diinaarii tokko isatti fidan; innis, “Fakkiin kun kan eenyuu ti? Katabbiin kunis kan eenyuu ti?” jedhee isaan gaafate.
Isaanis, “Kan Qeesaari” jedhanii deebisan.
17 Kana irratti Yesuus, “Kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa” jedheen.
Isaanis isa dinqifatan.
Gaaffii Waaʼee Duʼaa Kaʼuu
12:18‑27 kwf – Mat 22:23‑33; Luq 20:27‑38
18 Ergasii Saduuqonni, duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan gara Yesuus dhufanii akkana jedhanii gaaffii tokko isa gaafatan; 19 “Yaa barsiisaa yoo obboleessi nama tokkoo niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin niitii isaa irraa duʼe, obboleessi isaa niitii sana dhaalee obboleessa isaatiif sanyii haa dhaabuu jedhee Museen nuu barreesseera. 20 Kunoo obboloota torbatu ture. Inni jalqabaa niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe. 21 Inni lammaffaanis ishee fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe. Inni sadaffaanis akkasuma taʼe. 22 Torban isaanii iyyuu ijoollee hin dhalchine. Dhuma irratti dubartittiinis ni duute. 23 Guyyaa duʼaa kaʼuutti isheen niitii isa kamii taati? Torban isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.”