32 Isaanis Yerusaalemitti ol baʼuuf jedhanii karaa irra turan; Yesuus immoo isaan dura deemaa ture; barattoonnis ni dinqisiifatan; warri duukaa buʼaa turan immoo ni sodaatan. Yesuus amma illee warra kudha lamaan kophaatti baasee waan isatti dhufuuf jiru isaanitti hime. 33 Akkanas jedhe; “Kunoo, nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi Namaas dabarfamee luboota hangafootattii fi barsiistota seeraatti ni kennama. Isaanis duʼa itti muru; akkasumas dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu;34isaanis isatti qoosu; isatti tufu; isa garafu; isa ajjeesus. Inni garuu guyyaa sadii booddee duʼaa ni kaʼa.”
Kadhaa Yaaqoobii fi Yohannis
10:35‑45 kwf – Mat 20:20‑28
35 Ilmaan Zabdewoos jechuunis Yaaqoobii fi Yohannis gara Yesuus dhufanii, “Yaa Barsiisaa, akka ati waan nu si kadhannu kam iyyuu nuu gootu barbaanna” jedhan.
36 Innis, “Akka ani maal isiniif godhu barbaaddu?” jedheen.
38 Yesuusis, “Isin waan kadhattan hin beektan; xoofoo ani dhugu, dhuguu yookaan cuuphaa ani cuuphamu, cuuphamuu ni dandeessuu?” jedheen.
39 Isaanis, “Ni dandeenya” jedhanii deebisan.
Yesuusis akkana jedheen; “Xoofoo ani dhugu ni dhugdu; cuuphaa ani cuuphamus ni cuuphamtu;40garuu mirga koo yookaan bitaa koo taaʼuu kan kennu ana miti. Iddoon kun kan warra isaaniif jedhamee qopheeffame sanaa ti.”
41 Warri kurnan yommuu waan kana dhagaʼanitti Yaaqoobii fi Yohannisitti aaran. 42 Yesuusis walitti isaan waamee akkana jedhe; “Isin akka warri akka bulchitoota Namoota Ormaatti ilaalaman sun isaan irratti gooftummaa mulʼisan, gurguddoonni isaaniis akka isaan irratti taayitaa argisiisan ni beektu.43Isin biratti akkas miti. Qooda kanaa namni isin keessaa nama guddaa taʼuu barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan taʼuu qaba;44namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha nama hundaa taʼuu qaba.45Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii.”
Iji Barxiimewos Banamuu Isaa
10:46‑52 kwf – Mat 20:29‑34; Luq 18:35‑43
46 Isaanis Yerikoo dhufan. Utuu Yesuus barattoota isaatii fi tuuta namootaa guddaa isaa wajjin Yerikoodhaa baʼaa jiruu, namichi jaamaan Barxiimewos jedhamu ilmi Ximeewos karaa irra taaʼee kadhachaa ture. 47 Barxiimewosis yommuu akka inni Yesuus isa Naazreeti taʼe dhagaʼetti, “Yesuus, yaa ilma Daawit na maari!” jedhee iyyuu jalqabe.
48 Namoonni baayʼeen akka inni calʼisuuf ifatan; inni garuu, “Yaa ilma Daawit na maari!” jedhee ittuma caalchisee iyye.
49 Yesuusis dhaabatee, “Isa waamaa” jedhe.
Isaanis, “Jabaadhu! Kaʼi inni si waamaatii” jedhanii namicha jaamaa sana waaman. 50 Innis wayyaa isaa of irraa darbatee, utaalee kaʼee gara Yesuus dhufe.
51 Yesuusis, “Akka ani maal siif godhu barbaadda?” jedhee isa gaafate.
Namichi jaamaan sunis, “Yaa barsiisaa, ani arguun barbaada” jedheen.
52 Yesuusis, “Amantiin kee si fayyiseeraa deemi” jedheen. Innis yeruma sana argee karaa irra buʼee Yesuus duukaa buʼe.