Maarqos
1 Jalqaba wangeela Yesuus Kiristoos Ilma Waaqaa. 2 Kitaaba Isaayyaas raajichaa keessatti akkana jedhamee barreeffameera:
9 Yeroo sana Yesuus Naazreeti ishee Galiilaatii dhufee Laga Yordaanos keessatti Yohannisiin cuuphame. 10 Yesuus utuma bishaan keessaa ol baʼaa jiruu, samiin banamee utuu Hafuurri akkuma gugeetti isa irratti gad buʼuu arge. 11 Sagaleen, “Ati Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani baayʼee sitti nan gammada” jedhu tokkos samii irraa dhufe.
12 Yeruma sana Hafuurri gammoojjiitti isa baase; 13 inni guyyaa afurtama Seexanaan qoramaa gammoojjii keessa ture. Inni bineensota wajjin ture; ergamoonnis isa tajaajilan.
14 Erga Yohannis mana hidhaatti galfamee booddee, Yesuus wangeela Waaqaa lallabaa Galiilaa seene. 15 Innis,
16 Yesuus utuu qarqara Galaana Galiilaa irra deemaa jiruu Simoonii fi obboleessa isaa Indiriiyaas utuu isaan kiyyoo galaanatti darbachaa jiranuu arge; isaan qurxummii qabdoota turaniitii. 17 Yesuusis,
19 Innis yommuu xinnoo achi hiiqetti Yaaqoob ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannis utuu isaan bidiruu keessatti kiyyoowwan isaanii qopheeffatanuu arge. 20 Innis yommusuma isaan waame; isaanis abbaa isaanii Zabdewoosin hojjettoota qacaraman wajjin bidiruu sana keessatti dhiisanii isa duukaa buʼan.
21 Isaan gara Qifirnaahom dhaqan; innis yommusuma Sanbataan mana sagadaa seenee barsiise. 22 Inni akka barsiistota seeraatti utuu hin taʼin akka nama taayitaa qabu tokkootti waan barsiisaa tureef namoonni barsiisa isaa ni dinqisiifatan. 23 Yeruma sana namichi mana sagadaa isaanii keessaa kan hafuura xuraaʼaan qabame tokko iyyee 24 akkana jedhe; “Yaa Yesuus nama Naazreeti, ati maal nurraa qabda? Nu balleessuu dhufte moo? Ati eenyu akka taate ani nan beeka, yaa Qulqullicha Waaqaa!”
25 Yesuus immoo,
27 Namoonni hundinuu baayʼee dinqifatanii, “Kun maalii? Inni taayitaadhaan barsiisa haaraa barsiisa! Hafuurota xuraaʼoo illee ni ajaja; isaanis ni ajajamuuf” waliin jedhan. 28 Oduun waaʼee isaas dafee biyya Galiilaa guutuu keessa faffacaʼe.
29 Isaanis akkuma mana sagadaatii baʼaniin Yaaqoobii fi Yohannis wajjin mana Simoonii fi Indiriiyaas dhaqan. 30 Haati niitii Simoonis dhukkuba dhagna gubaadhaan qabamtee ciifti turte; isaanis yommusuma waaʼee ishee Yesuusitti himan. 31 Innis dhaqee harka qabee ishee kaase. Dhagna gubaan sunis ishee dhiise; isheenis isaan tajaajiluu jalqabde.
32 Namoonnis galgala sana erga biiftuun lixxee booddee, dhukkubsattootaa fi warra hafuurota hamoon qabaman hunda Yesuusitti fidan. 33 Magaalaan sun guutuunis balbala duratti walitti qabame. 34 Yesuusis namoota dhibee garaa garaa qaban hedduu fayyise; hafuurota hamoo baayʼees ni baase; garuu inni sababii hafuuronni hamoon sun eenyummaa isaa beekaniif akka isaan dubbatan hin eeyyamneef.
35 Yesuus ganama barii dimimmisaan kaʼee manaa baʼee iddoo namni hin jirre tokko dhaqee achitti kadhate. 36 Simoonii fi warri isa wajjin turan isa barbaaduu deeman; 37 isaanis yommuu isa argatanitti, “Namni hundinuu si barbaadaa jira!” jedhaniin.
38 Yesuus immoo deebisee,
40 Namichi lamxaaʼaan tokko gara isaa dhufee jilbeenfatee, “Yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa” jedhee isa kadhate.
41 Yesuusis garaa laafeefii, harka isaa hiixatee namicha qaqqabee,
43 Yesuusis of eeggannoo jabaa kenneefii yommusuma gad isa dhiise. 44 Akkanas jedheen;