1 Yeroo Yesuus gaara irraa buʼetti, tuuta namoota baayʼeetu isa duukaa buʼe. 2 Kunoo namichi lamxaaʼaan tokkos dhufee, fuula isaa duratti jilbeenfatee, “Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa” jedheen.
3 Yesuusis harka isaa hiixatee namicha qaqqabee,
5 Yeroo Yesuus Qifirnaahom seenetti, ajajaan dhibbaa tokko gara isaa dhufee akkana jedhee isa kadhate; 6 “Yaa Gooftaa, tajaajilaan koo dhagni irratti duʼee mana ciisa; akka malees dhiphachaa jira.”
7 Yesuusis,
8 Ajajaan dhibbaa sun immoo akkana jedhee deebiseef; “Yaa Gooftaa, ati bantii mana kootii jala seenuun naaf hin malu. Garuu dubbicha qofa dubbadhu; tajaajilaan koo ni fayyaatii. 9 Ani mataan koo iyyuu nama taayitaa jala jiruu dha; loltootas of jalaa qaba. Isa tokkoon, ‘Deemi’ nan jedha; innis ni deema; isa kaaniin immoo, ‘Kottu’ nan jedha; innis ni dhufa. Tajaajilaa kootiinis, ‘Waan kana hojjedhu’ nan jedha; innis ni hojjeta.”
10 Yesuus yommuu waan kana dhagaʼetti dinqifatee warra isa duukaa buʼaa turaniin akkana jedhe;
13 Yesuusis deebisee ajajaa dhibbaa sanaan,
14 Yesuus yommuu mana Phexros seenetti, haati niitii Phexros dhukkuba dhagna gubaadhaan qabamtee ciiftee arge. 15 Innis harka ishee tuqe; dhagna gubaan sunis ishee dhiise; isheenis kaatee isa tajaajiluu jalqabde.
16 Galgala sanas namoota hafuurota hamoon qabaman hedduu gara isaa fidan; innis jecha tokkoon hafuurota sana baase; dhukkubsattoota hundumaa ni fayyise. 17 Kunis akka dubbiin karaa Isaayyaas raajichaatiin,
18 Yesuus yommuu tuuta namoota baayʼee naannoo isaatti argetti akka gama ceʼaniif ajaje. 19 Barsiisaan seeraa tokkos gara isaa dhufee, “Yaa barsiisaa, ani iddoo ati dhaqxu hundatti si duukaa nan buʼa” jedhe.
20 Yesuusis deebisee,
21 Barattoota isaa keessaas inni tokko, “Yaa Gooftaa, dura akka ani dhaqee abbaa koo awwaalladhu naa eeyyami!” jedheen.
22 Yesuus garuu,
23 Yommuu inni bidiruu yaabbatettis, barattoonni isaa isa duukaa buʼan. 24 Akkuma tasaa bubbeen hamaan tokko galaana irratti kaʼe; dambaliinis bidiruu sana irra gara gale. Yesuus garuu rafaa ture. 25 Barattoonni isaa gara isaa dhufanii, “Yaa Gooftaa, nu oolchi! Nu dhumuufii!” jedhanii isa dammaqsan.
26 Innis deebisee,
27 Namoonnis dinqifatanii, “Namni bubbee fi galaanni ajajamaniif kun nama akkamii ti?” jedhan.
28 Yommuu Yesuus gama ceʼee biyya Gadareen gaʼetti, namoonni hafuura hamaan qabaman lama iddoo awwaalaatii baʼanii itti dhufan. Isaanis waan akka malee hamoo turaniif namni tokko iyyuu karaa sana irra darbuu hin dandaʼu ture. 29 Isaanis, “Yaa Ilma Waaqaa, ati maal nurraa barbaadda? Utuu yeroon sun hin gaʼin nu dhiphisuu dhufte moo?” jedhanii iyyan.
30 Hoomaan booyyee guddaan isaas xinnoo isaan irraa fagaatee dheedaa ture. 31 Hafuuronni hamoon sunis, “Yoo nu baafte, gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi” jedhanii Yesuusin kadhatan.
32 Innis,
-
a 8:17 Isa 53:4