45 Innis gara barattootaatti deebiʼee akkana jedheen; “Isin amma iyyuu raftanii boqochaa jirtuu? Kunoo, saʼaatiin sun gaʼeera; Ilmi Namaas dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama.46Kaʼaa ni deemnaa! Kunoo, namichi dabarsee na kennu sun dhufaa jira.”
Yesuus Qabamuu Isaa
26:47‑56 kwf – Mar 14:43‑50; Luq 22:47‑53
47 Utuma inni amma iyyuu dubbachaa jiruu, Yihuudaan namichi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sun dhufe. Tuunni luboota hangafootaa fi maanguddoota uummataa biraa ergame guddaanis goraadee fi bokkuu qabatee isa wajjin dhufe. 48 Inni dabarsee Yesuusin kennu sunis, “Namichi ani dhungadhu isa; isinis isa qabaa” jedhee mallattoo kenneefii ture. 49 Yihuudaanis yommusuma Yesuusitti dhiʼaatee, “Nagumaa yaa barsiisaa!” jedhee isa dhungate.
55 Saʼaatii sanatti Yesuus tuuta sanaan akkana jedhe; “Isin goraadee fi bokkuu qabattanii akka nama hattuu qabuutti na qabuu dhuftanii? Ani guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessa taaʼee barsiisaan ture; isinis na hin qabne.56Kun hundinuu garuu akka Katabbiiwwan raajotaa Qulqulluun raawwatamaniif taʼe.” Barattoonni hundinuus isa dhiisanii baqatan.
Yesuus Yaaʼii Yihuudootaa Duratti
26:57‑68 kwf – Mar 14:53‑65; Yoh 18:12,13,19‑24
57 Warri Yesuusin qaban sunis gara mana luba ol aanaa isa Qayyaaffaa jedhamuu iddoo barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni itti walitti qabamaniitti isa geessan. 58 Phexros garuu hamma dallaa mana lubicha ol aanaatti fagootti isa duukaa buʼe. Innis waan taʼuuf jiru arguuf jedhee ol lixee waardiyyoota wajjin taaʼe.
Dhuma irratti dhuga baatonni lama dhufanii, 61 “Namichi kun, ‘Ani mana qulqullummaa Waaqaa diiguu, guyyaa sadii keessatti deebisee ijaaruu nan dandaʼa’ jedheera” jedhan.
62 Lubichi ol aanaanis kaʼee dhaabatee, “Ati deebii tokko illee hin kennituu? Wanni namoonni kunneen dhugaa sitti baʼan kun maali?” jedhee Yesuusin gaafate. 63 Yesuus garuu inuma calʼise.
Lubichi ol aanaan, “Ani Waaqa jiraataadhaan sin kakachiisa: Ati yoo Kiristoos Ilma Waaqaa taate mee nutti himi” jedheen.
64 Yesuusis deebisee, “Atuu jetteerta. Ani garuu isinitti nan hima; isin siʼachi utuu Ilmi Namaa mirga isa Humna qabeessa sanaatiin taaʼee, duumessa samiitiin dhufuu ni argitu” jedhe.
65 Kana irratti lubichi ol aanaan uffata isaa tarsaasee akkana jedhe; “Inni Waaqa arrabseera! Kana caalaa dhuga baatota maalii nu barbaachisa? Kunoo, Waaqa arrabsuu isaa isin iyyuu amma dhageessaniirtu. 66 Maal isinitti fakkaata?”
Isaanis, “Duʼatu isaaf mala” jedhanii deebisan.
67 Ergasii isaan fuula isaatti tufan; abootteenis isa rukutan. Warri kaan immoo isa kabalanii, 68 “Yaa Kiristoos! Eenyutu si rukute? Mee raajii nutti dubbadhu” jedhaniin.
Phexros Yesuusin Ganuu Isaa
26:69‑75 kwf – Mar 14:66‑72; Luq 22:55‑62; Yoh 18:16‑18,25‑27
69 Phexrosis dallaa keessa ala taaʼaa ture; xomboreen tokko isatti dhiʼaattee, “Atis Yesuus namicha Galiilaa sana wajjin turte!” jetteen.
70 Inni garuu, “Ani waan ati dubbachuutti jirtu hin beeku” jedhee hunduma isaanii duratti gane.
71 Utuu inni gara karra dallaa sanaatti deemaa jiruus xomboreen biraa tokko isa argitee, “Namichi kun Yesuus nama Naazreeti wajjin ture” jettee warra achi turanitti himte.
72 Innis kakatee, “Ani namicha kana hin beeku!” jedhee ammas gane.