5 Barattoonni yommuu galaanicha ceʼanitti buddeena fudhachuu irraanfatan. 6 Yesuusis, “Beekkadhaa; raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa” isaaniin jedhe.
7 Isaanis, “Kun sababii nu buddeena hin fidatiniif” jedhanii waan kana walii wajjin haasaʼan.
8 Yesuusis waan isaan haasaʼan beekee akkana jedhee gaafate; “Yaa warra amantii xinnoo nana, isin maaliif waaʼee buddeena dhabuu keessanii walii wajjin dudubbattu?9Isin amma iyyuu hin hubattanii? Buddeenni shan nama kuma shaniif dhiʼeeffamee gundoo hammam guutuu akka walitti qabdan hin yaadattanii?10Yookaan buddeenni torba nama kuma afuriif dhiʼeeffamee hambaa gundoo hammam guutuu akka walitti qabdan hin yaadattanii?11Akka ani waaʼee buddeenaa isinitti dubbachaa hin turin isin akkamitti hin hubanne? Garuu raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa.”12 Isaanis ergasii akka inni akka isaan raacitii buddeenaa irraa of eeggataniif utuu hin taʼin akka barsiisa Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggataniif isaanitti himaa ture hubatan.
Phexros Eenyummaa Kiristoos Beeksise
16:13‑16 kwf – Mar 8:27‑29; Luq 9:18‑20
13 Yesuus yeroo gara biyya Fiiliphoos Qiisaariyaa dhufetti, “Namoonni Ilma Namaatiin eenyu jedhu?” jedhee barattoota isaa gaafate.
14 Isaanis, “Namoonni tokko tokko inni Yohannis Cuuphaa dha jedhu; warri kaan inni Eeliyaas jedhu; kaan immoo inni Ermiyaas yookaan raajota keessaa isa tokko dha jedhu” jedhanii deebisan.
17 Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Yaa Simoon ilma Yoonaa, ati eebbifamaa dha; kana abbaa koo isa samii irraatu siif ibse malee nama miti.18Ani sittin hima; ati Phexrosii dha; kattaa kana irratti waldaa kiristaanaa koo nan ijaara; karri gahaannamis ishee hin moʼatu.19Ani furtuu mootummaa samii siifin kenna; wanni ati lafa irratti hiitu kam iyyuu samii irratti ni hidhama; wanni ati lafa irratti hiiktu kam iyyuu samii irrattis ni hiikama.”20 Ergasiis akka isaan akka inni Kiristoos taʼe nama tokkotti illee hin himneef barattoota isaa akeekkachiise.
22 Phexrosis kophaatti baasee, “Yaa Gooftaa, kun gonkumaa hin taʼin! Kun sirraa haa fagaatu!” jedhee isa ifachuu jalqabe.
23 Yesuus garuu of irra garagalee Phexrosiin, “Yaa Seexana nana! Na duubatti deebiʼi! Ati gufuu natti taateerta; ati kan namaa yaadda malee kan Waaqaa hin yaadduutii” jedhe.
24 Ergasii Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu. Fannoo ofii isaa baadhatees na duukaa haa buʼu.25Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni naaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni argata.26Namni yoo addunyaa guutuu argatee lubbuu isaa immoo dhabe, buʼaan isaa maali? Yookaan namni qooda lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa?27Ilmi Namaa ulfina Abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin dhufuuf jiraatii; innis yeroo sana tokkoo tokkoo namaatiif akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kenna.
28“Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko hamma utuu Ilmi Namaa mootummaa isaatiin dhufuu arganitti duʼa hin dhandhaman.”