2 Yohannis mana hidhaa taaʼee yommuu waan Kiristoos hojjechaa ture dhagaʼetti barattoota isaa ergee, 3 “Inni dhufuuf jiru sun siʼi moo yookaan kan biraa eegganna?” jedhee isa gaafate.
4 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Deebiʼaatii waan dhageessanii fi waan argitan Yohannisitti himaa;5jaamonni ni argu; warri naafatan ni deemu; warri lamxaaʼan ni qulqullaaʼu; warri duudan ni dhagaʼu; warri duʼan ni kaʼu; hiyyeeyyiifis wangeelli ni lallabama.6Namni natti hin gufanne kam iyyuu eebbifamaa dha.”
7 Akkuma barattoonni Yohannis baʼanii qajeelaniin, Yesuus akkana jedhee waaʼee Yohannis namootatti himuu jalqabe; “Isin maal arguuf gammoojjiitti gad baatan? Shambaqqoo qilleensi raasu moo?8Yoos maal arguu baatan ree? Nama uffata miidhagaa uffate moo? Lakki, warri uffata miidhagaa uffatan masaraa moototaa jiru.9Yoos maal arguu baatan ree? Raajii moo? Eeyyee; ani isinittin hima; kan raajii iyyuu caalu.10Kunis isa waaʼeen isaa akkana jedhamee barreeffamee dha.
18Yohannis yeroo dhufetti hin nyaatu, hin dhugus tureetii; isaan immoo, ‘Inni hafuura hamaa qaba’ jedhu.19Ilmi Namaa nyaachaa, dhugaas dhufe; isaan immoo, ‘Kunoo albaadhessaa fi machaaʼaa, michuu qaraxxootaatii fi cubbamootaa’ jedhu. Ogummaan garuu hojii isheetiin mirkaneeffamti.”
Magaalaawwan Qalbii Hin Jijjiirranneef Wayyoo
11:21‑23 kwf – Luq 10:13‑15
20 Ergasii Yesuus sababii magaalaawwan inni itti hojii dinqii isaa gara caalu hojjete sun qalbii hin jijjiirratiniif akkana jedhee isaan balaaleffachuu jalqabe. 21“Yaa Koraaziin siif wayyoo! Yaa Beetisayidaa siif wayyoo! Hojiin dinqii isin keessatti hojjetame sun utuu Xiiroosii fi Siidoonaa keessatti hojjetamee jiraatee, isaan silaa yeroo dheeraan dura uffata gaddaa uffatanii, daaraas ofitti firfirsanii qalbii jijjiirratu turan.22Ani garuu isinittin hima; guyyaa murtiitti isin irra Xiiroosii fi Siidoonaaf ni salphata.23Atis yaa Qifirnaahom, hamma samiitti ol kaafamtaa? Lakki, siiʼoolitti gad buuta. Hojiin dinqii kan si keessatti hojjetame sun utuu Sodoom keessatti hojjetamee jiraatee, isheen silaa hamma harʼaatti ni jiraatti turte.24Ani garuu sittin hima; guyyaa murtiitti sirra Sodoomiif ni salphata.”
Boqonnaa Abdachiifame
11:25‑27 kwf – Luq 10:21,22
25 Yesuus yeroo sana akkana jedhe; “Yaa Abbaa, Gooftaa samiitii fi lafaa, sababii ati wantoota kanneen ogeeyyii fi hubattoota jalaa dhoksitee daaʼimmanitti mulʼifteef ani sin galateeffadha.26Eeyyee yaa Abbaa, ati waan kana gochuutti gammaddeertaatii.
27“Abbaan koo waan hunda dabarsee natti kenneera. Abbaa malee namni tokko iyyuu Ilma hin beeku; Ilmaa fi nama Ilmi isa itti mulʼisuu fedhu malee namni tokko iyyuu Abbaa hin beeku.
28“Isin dadhabdoonni, warri baʼaan isinitti ulfaate hundinuu gara koo kottaa; ani isinan boqochiisa.29Waanjoo koo baadhaa; narraas baradhaa; waan ani garraamii fi gad of qabeessa taʼeef isin lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattu.30Waanjoon koo laafaa dha; baʼaan koos salphaa dha.”