1 “Yaa luboota akeekkachiisni kun isiniif kenname. 2 Yoo isin dhaggeeffachuu baattan, yoo isin maqaa koo kabajuuf garaa keessan qopheessuu baattan, ani abaarsa isinitti nan erga; eebba keessanis nan abaara” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Sababii isin maqaa koo kabajuuf garaa keessan hin qopheessiniif dhugumaan ani amma iyyuu eebba keessan abaareera.
3 “Sababii keessaniif ani sanyii keessan nan ifadha; faandoo aarsaa isin guyyaa ayyaanaa dhiʼeessitanii fuula keessanitti nan facaasa; isa wajjinis ni baddu. 4 Kakuun ani Lewwii wajjin qabu akka itti fufuuf, ajaja kana isinitti erguu koo isin ni beektu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. 5 “Kakuun ani isa wajjin gale kakuu jireenyaatii fi kakuu nagaa ture; isas nan kenneef; kunis kabaja fide; innis na kabaje; maqaa koo sodaachuudhaanis ni dhaabate. 6 Gorsi dhugaa afaan isaa keessa ture; sobni tokko iyyuu hidhii isaa irraa hin argamne. Inni nagaa fi qajeelummaadhaan na wajjin jiraate; nama hedduus qalbii jijjiirrachiise.