1 Yesuus warra Kudha Lamaan walitti waamee, akka isaan hafuurota hamoo hunda baasanii fi akka dhibeewwan fayyisaniif humnaa fi taayitaa kenneef; 2 inni akka isaan mootummaa Waaqaa labsanii fi akka dhukkubsattoota fayyisaniif isaan erge. 3 Akkanas isaaniin jedhe;
7 Heroodis bulchaan waaʼee waan taʼaa ture hundaa dhagaʼe. Innis waan namoonni tokko tokko Yohannis cuuphaan warra duʼan keessaa kaafameera jechaa turaniif, 8 warri kaanis Eeliyaas mulʼateera jechaa waan turaniif, warri kaan immoo raajota durii keessaa inni tokko duʼaa kaʼeera jechaa waan turaniif akka malee burjaajaʼe. 9 Heroodis garuu, “Ani Yohannisin mataa isaa kuteen ture. Yoos namichi ani waaʼee isaa waan akkanaa dhagaʼu kun eenyu ree?” jedhe. Yesuusin arguufis ni hawwa ture.
10 Ergamoonnis yommuu deebiʼanitti waan hojjetanii turan Yesuusitti himan. Innis ofitti isaan fudhate; isaanis ofumaan gara magaalaa Beetisayidaa jedhamtuu dhaqan; 11 namoonni baayʼeen garuu waan kana beekanii isa duukaa buʼan. Innis isaan simatee waaʼee mootummaa Waaqaa isaanitti hime; warra fayyuun isaan barbaachises ni fayyise.
12 Gara galgalaatti warri Kudha Lamaan gara isaa dhufanii, “Waan nu as gammoojjii keessa jirruuf, akka namoonni kunneen gara gandootaatii fi baadiyyaa naannoo kana jiranii dhaqanii waan nyaatanii fi iddoo bultii barbaadataniif isaan gad dhiisi” jedhaniin.
13 Inni immoo,
18 Gaaf tokko Yesuus kophaa isaa kadhannaa irra ture; barattoonni isaas isa wajjin turan. Innis,
19 Isaanis, “Namoonni tokko tokko inni Yohannis Cuuphaa dha jedhu; warri kaan inni Eeliyaas jedhu; kaan immoo raajota durii keessaa isa tokkotu duʼaa kaʼe jedhu” jedhanii deebisan.
20 Innis,
21 Yesuusis akka isaan waan kana nama tokkotti illee hin himneef jabeessee isaan akeekkachiise. 22 Innis,
23 Ergasii inni hunduma isaaniitiin akkana jedhe;
27
28 Yesuus erga waan kana dubbatee gara guyyaa saddeetii booddee Phexros, Yohannisii fi Yaaqoobin fudhatee kadhannaadhaaf tulluu tokkotti ol baʼe. 29 Utuu inni kadhachaa jiruus bifti fuula isaa geeddarame; uffanni isaas adii calaqqisu taʼe. 30 Kunoo namoonni lama jechuunis Musee fi Eeliyaas, ulfina guddaadhaan mulʼatanii Yesuus wajjin haasaʼaa turan. 31 Isaanis ulfinaan mulʼatanii waaʼee addunyaa kana irraa deemuu isaa kan inni Yerusaalemitti raawwachuuf jiru sanaa dudubbachaa turan. 32 Phexrosii fi warri isa wajjin turan garuu akka malee mugan; yeroo dammaqanitti immoo ulfina Yesuusii fi namoota Yesuus wajjin dhadhaabachaa turan lamaan argan. 33 Phexrosis akkuma namoonni sun Yesuus biraa deemuu jalqabaniin, “Yaa Gooftaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha. Daasii sadii jechuunis tokko siif, tokko Museef, tokko immoo Eeliyaasiif ni ijaarra” jedhe. Inni waan dubbatu hin beeku ture.
34 Utuma inni dubbachaa jiruu duumessi tokko dhufee isaan haguuge; isaanis yommuu duumessa sana keessa seenanitti ni sodaatan. 35 Sagaleen, “Kun Ilma koo isa ani filadhee dha; isinis isa dhagaʼaa” jedhu tokko duumessicha keessaa dhufe. 36 Yommuu sagaleen sun dubbatetti, Yesuus kophaa isaa argame. Barattoonnis ni calʼisan malee waan argan keessaa tokko illee yeroo sanatti nama tokkottuu hin himne.
37 Guyyaa itti aanu, yommuu isaan tulluu irraa gad buʼanitti namoonni baayʼeen isatti dhufan. 38 Namoota sana keessaas namichi tokko iyyee akkana jedhe; “Yaa Barsiisaa akka ati ilma koo naa ilaaltu sin kadhadha; inni anaaf mucaa tokkichaatii. 39 Hafuurri wayii itti kaʼa; gurbichis akkuma tasaa iyya; hafuurri sun lafaan dhaʼee isa dhidhiitachiisa. Gurbichis hoomacha afaaniin baasa; hafuurichi dafee irraa hin galu; yeroo hundas isa miidha. 40 Ani akka hafuura sana baasaniif barattoota kee nan kadhadhe; isaan garuu hin dandeenye.”
41 Yesuusis deebisee,
42 Utuma gurbaan sun gara Yesuus dhufaa jiruus, hafuurri hamaan sun lafaan dhaʼee isa dhidhiitachiise. Yesuus garuu hafuura xuraaʼaa sana ifate; gurbichas fayyisee abbaa isaatiif kenne. 43 Hundumti isaaniis humna Waaqaa isa jabaa sana ni dinqifatan.
46 Isaan keessaa namni nama hundumaa caalu eenyu akka taʼe barattoota gidduutti wal falmiin kaʼe. 47 Yesuusis waan isaan garaatti yaadan beekee mucaa xinnaa tokko fidee of bira dhaabe; 48 akkanas isaaniin jedhe;
49 Yohannisis, “Yaa Barsiisaa, nu utuu namni tokko maqaa keetiin hafuurota hamoo baasuu arginee waan inni nu duukaa hin buuneef isa dhowwine” jedhe.
50 Yesuus garuu,
51 Yesuusis yommuu yeroon inni itti gara samiitti ol fudhatamu gaʼetti Yerusaalem dhaquuf hidhatee kaʼe. 52 Innis ergamoota of dura erge; isaanis waan isa barbaachisu qopheessuudhaaf ganda Samaariyaa tokko seenan. 53 Namoonni naannoo sanaa garuu sababii inni fuula isaa Yerusaalemitti deebifatee deemaa tureef isa hin simanne. 54 Barattoonni isaa jechuunis Yaaqoobii fi Yohannis yommuu waan kana arganitti, “Yaa Gooftaa, akka inni isaan balleessuuf, akka nu samii irraa ibidda gad waamnu barbaaddaa?” jedhan. 55 Yesuus garuu garagalee isaan ifate. 56 Isaanis darbanii ganda biraa dhaqan.
57 Utuu isaan karaa deemaa jiranuus namichi tokko Yesuusiin, “Ani iddoo ati dhaqxu hundatti si duukaa nan buʼa” jedhe.
58 Yesuusis deebisee,
59 Nama biraatiinis,
60 Yesuusis,
61 Ammas namni biraa, “Yaa Gooftaa, anis si duukaa nan buʼa; garuu dura akka ani dhaqee maatii kootti nagaa dhaamadhu naa eeyyami” jedhe.
62 Yesuusis deebisee,
-
a 9:20yookaan Masiihii