1 Yesuus yeroo waan kana hundumaa namoota isa dhaggeeffachaa turanitti himee fixatetti, Qifirnaahom seene. 2 Achis tajaajilaan ajajaa dhibbaa kan gooftaan isaa akka malee isa jaallatu tokko dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. 3 Ajajaan dhibbaa sunis waaʼee Yesuus dhagaʼee akka inni dhufee garbicha isaa fayyisuuf maanguddoota Yihuudootaa isatti ergee kadhate. 4 Isaanis yommuu gara Yesuus dhufanitti akkana jedhanii jabeessanii isa kadhatan; “Ati waan kana isaaf gochuun namicha kanaaf ni mala; 5 inni saba keenya ni jaallataatii; mana sagadaas nuuf ijaareera.” 6 Kanaafuu Yesuus isaan wajjin deeme.
Yeroo inni manichatti dhiʼaatetti ajajaan dhibbaa sun akkana jedhee michoota isaa Yesuusitti erge; “Yaa gooftaa of hin rakkisin; ati bantii mana koo jala seenuun naaf hin maluutii. 7 Sababiin ani ofii koo akka nama gara kee dhufuun maluufitti hin ilaaliniif iyyuu kanuma. Garuu dubbicha qofa dubbadhu; tajaajilaan koo ni fayyaatii. 8 Ani mataan koo iyyuu nama taayitaa jala jiruu dha; loltootas of jalaa qaba. Isa tokkoon, ‘Deemi’ nan jedha; innis ni deema; isa kaaniin immoo, ‘Kottu’ nan jedha; innis ni dhufa. Tajaajilaa kootiinis, ‘Waan kana hojjedhu’ nan jedha; innis ni hojjeta.”
9 Yesuus yommuu waan kana dhagaʼetti isa dinqifate; namoota isa duukaa buʼaa turanittis garagalee, “Ani isinittin hima; ani amantii guddaa akkanaa Israaʼel keessatti iyyuu hin arganne” jedhe. 10 Yommuu namoonni ergamanii turan manatti deebiʼanitti garbichi sun fayyee isaan eege.
39 Fariisichi isa affeere sunis waan kana argee, “Namichi kun utuu raajii taʼee, dubartiin isa tuqxu kun eenyu akka taate, nama akkamiis akka taate ni beeka ture; isheen cubbamtuudhaatii” jedhee garaa isaa keessatti yaade.
44 Innis gara dubartittiitti garagalee Simooniin akkana jedhe; “Dubartii kana argitaa? Ani mana kee nan dhufe. Ati bishaan miillaa illee naaf hin kennine; isheen garuu imimmaan isheetiin miilla koo dhiqxee rifeensa mataa isheetiin haqxe.45Ati na hin dhunganne; dubartiin kun garuu yeroo ani ol seenee jalqabdee miilla koo dhungachuu hin dhiifne.46Ati Zayitii iyyuu mataa koo hin dibne; isheen garuu miilla koo shittoo dibde.47Kanaafuu ani sittin hima; sababii jaalalli ishee guddaa taʼeef cubbuun ishee baayʼeen sun isheef dhiifameera. Kan xinnoon dhiifameef garuu jaalalli isaa xinnoo dha.”