1 Gaaf tokko Yesuus utuu Haroo Geensereex bira dhaabatee jiruu, utuu namoonnis isatti naannaʼanii dubbii Waaqaa dhagaʼaa jiranuu, 2 bidiruuwwan lama ededa bishaanichaa irratti arge; qurxummii qabdoonni garuu keessaa baʼanii kiyyoo isaanii miicachaa turan. 3 Innis bidiruuwwan sana gidduudhaa ishee kan Simoon taate tokko yaabbate; akka inni qarqara lafaa irraa gara gidduu bishaaniitti xinnoo achi butus isa kadhate. Yesuusis bidiruu sana irra taaʼee namoota barsiisuu jalqabe.
4 Innis yommuu dubbatee fixetti Simooniin,
5 Simoonis deebisee, “Yaa barsiisaa, nu halkan guutuu akka malee itti dadhabnee waa tokko illee hin qabne. Ani garuu waan ati jetteef kiyyoo nan darbadha” jedhe.
6 Isaanis kiyyoo isaanii darbatanii hamma kiyyoon isaanii ciccituu jalqabutti qurxummii akka malee baayʼee qabatan. 7 Kanaafuu akka michoonni isaanii warri bidiruu kaan keessa turan dhufanii isaan gargaaraniif mallattoon waammatan; isaanis dhufanii bidiruu lachuu qurxummiidhaan guutan; bidiruuwwan sunis liqimfamuu jalqaban.
8 Simoon Phexrosis yommuu waan kana argetti jilba Yesuusitti kufee, “Yaa Gooftaa, ani nama cubbamaa dha; narraa fagaadhu!” jedhe. 9 Kunis sababii qurxummiin baayʼeen qabame sun Simʼoonii fi warra isa wajjin turan hunda dinqisiiseef; 10 ilmaan Zabdewoos warri michoota Simoon turan jechuunis Yaaqoobii fi Yohannis akkasuma dinqisiifatan.
12 Utuu Yesuus magaalaawwan sana keessaa isa tokko keessa jiruu namichi dhagni isaa guutuun lamxaaʼe tokko gara isaa dhufe. Innis yommuu Yesuusin argetti adda isaatiin lafatti gombifamee, “Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa” jedhee isa kadhate.
13 Yesuusis harka isaa hiixatee namicha qaqqabee,
14 Yesuusis,
15 Haa taʼuu malee oduun waaʼee isaa ittuma caalee facaʼe; namoonni hedduunis isa dhagaʼuu fi dhukkuba isaanii irraa fayyuuf jedhanii gara isaa dhufaa turan. 16 Yesuus garuu yeroo baayʼee lafa namni hin jirre dhaqee kadhachaa ture.
17 Gaaf tokko Yesuus utuu barsiisaa jiruu, Fariisonnii fi barsiistonni seeraa warri gandoota Galiilaatii fi Yihuudaa hunda keessaa akkasumas Yerusaalemii dhufan achi tataaʼaa turan. Akka inni dhukkubsattoota fayyisuufis humni Gooftaa isa wajjin ture. 18 Jarri tokko nama dhagni irratti duʼe tokko sireedhaan baatanii dhufan; isaanis fuula Yesuus dura isa kaaʼuuf jedhanii manatti ol isa galchuu yaalan. 19 Sababii baayʼina namaatiifis karaa ittiin ol isa galchan dhabnaan bantii manaatti ol baʼanii qadaada bantii manaa saaqanii walakkaa namootaatiin fuula Yesuus duratti siree isaatiin gad isa buusan.
20 Yesuusis yommuu amantii isaanii argetti,
21 Fariisonnii fi barsiistonni seeraas, “Namichi Waaqa arrabsu kun eenyu? Waaqa tokkicha malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu dandaʼa?” jedhanii garaa isaaniitti yaaduu jalqaban.
22 Yesuusis waan isaan yaadaa turan beekee akkana jedhee gaafate;
27 Ergasii Yesuus achii baʼee qaraxxuu Lewwii jedhamu tokko utuu inni iddoo itti qaraxa walitti qaban taaʼuu arge. Yesuusis,
29 Lewwiinis mana isaatti cidha guddaa Yesuusiif qopheesse; qaraxxoonnii fi namoonni kaan baayʼeenis isaan wajjin nyaachaa turan. 30 Fariisonnii fi Barsiistonni seeraa kanneen garee isaanii taʼan garuu, “Isin maaliif qaraxxootaa fi cubbamoota wajjin nyaattanii dhugdu?” jedhanii barattoota isaatti guunguman.
31 Yesuus immoo deebisee akkana isaaniin jedhe;
33 Isaanis, “Barattoonni Yohannis yeroo baayʼee ni soomu; ni kadhatus; barattoonni Fariisotaas akkasuma godhu; barattoonni kee garuu ni nyaatu; ni dhugus” jedhaniin.
34 Yesuus immoo akkana jedhee deebise;
36 Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime;
-
a 5:37 Daadhii wayinii haaraa – Daadhii wayinii kan amma illee danfaa jiru yookaan kan hin bilchaatin jechuu dha.