1 Yesuus Hafuura Qulqulluudhaan guutamee Yordaanosii kaʼee Hafuuruma sanaan gammoojjiitti geeffame; 2 achittis guyyaa afurtama diiyaabiloosiin qorame. Innis guyyoota sana keessa homaa hin nyaanne; dhuma irrattis ni beelaʼe.
3 Diiyaabiloosis, “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, akka dhagaan kun buddeena taʼu ajaji” jedheen.
4 Yesuus immoo deebisee,
5 Diiyaabiloosis gaara dheeraa tokkotti ol isa baasee hamma liphsuu ijaatti mootummoota addunyaa hunda isatti argisiise. 6 Akkanas jedheen; “Ani taayitaa isaaniitii fi ulfina isaanii hundumaa siifin kenna; taayitaa fi ulfinni kun waan naa kennameef ani abbaa kennuufii barbaadeef kennuu nan dandaʼa. 7 Yoo ati naa sagadde, wanni kun hundinuu kan kee taʼa.”
8 Yesuus immoo,
9 Diiyaabiloosis Yerusaalemitti isa geessee, fiixee mana qulqullummaa irra dhaabachiise. Akkanas jedheen; “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, asii gad of darbadhu. 10 Akkana jedhamee barreeffameeraatii:
12 Yesuus immoo deebisee,
13 Diiyaabiloos immoo erga qorumsa kana hunda raawwatee booddee hamma yeroo mijaaʼaa argatutti isa dhiisee deeme.
14 Yesuus humna Hafuuraatiin Galiilaatti deebiʼe; oduun waaʼee isaas baadiyyaa guutuu keessa faffacaʼe. 15 Inni manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa ture; namni hundinuus isa jaje.
16 Innis Naazreeti iddoo itti guddate dhaqe; guyyaa Sanbataas akkuma amala isaa mana sagadaa seene. Kitaaba dubbisuufis kaʼee dhaabate; 17 kitaabni raajicha Isaayyaas isatti kenname. Innis kitaabicha banee kutaa akkana jedhamee barreeffame argate:
inni na dibeeraatii.
20 Innis kitaabicha cufee tajaajiltichatti deebisee kennee taaʼe; warri mana sagadaa sana keessa turan hundinuus xiyyeeffatanii isa ilaalaa turan. 21 Innis,
22 Hundi isaanii waaʼee isaa waan gaarii dubbachaa turan; dubbii ayyaan qabeessa afaan isaatii baʼus ni dinqisiifatan. Isaanis, “Kun ilma Yoosef mitii?” jedhanii gaafatan.
23 Yesuusis,
24 Innis itti fufee akkana jedhe;
28 Namoonni manicha sagadaa keessa turan hundinuu yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee aaran. 29 Isaanis kaʼanii magaalaa sana keessaa gad isa baasan; gad isa darbachuuf jedhaniis ededa tulluu magaalaan isaanii irratti ijaaramteetti ol isa baasan. 30 Inni garuu gidduudhuma isaanii baʼee deeme.
31 Innis gara Qifirnaahom, magaalaa Galiilaa keessaatti gad buʼe; guyyaa Sanbataas namoota barsiise. 32 Isaanis waan dubbiin isaa taayitaa qabuuf barsiisa isaa ni dinqisiifatan.
33 Namichi hafuura hamaa xuraaʼaadhaan qabame tokko mana sagadaa keessa ture. Innis sagalee guddaadhaan iyyee akkana jedhe; 34 “Uffi! Yaa Yesuus nama Naazreeti, ati maal nurraa qabda? Nu balleessuu dhufte moo? Ati eenyu akka taate ani nan beeka, yaa Qulqullicha Waaqaa!”
35 Yesuus immoo,
36 Namoonni hundinuu dinqifatanii, “Maal barsiisni akkanaa! Inni taayitaadhaan, humnaanis hafuurota xuraaʼoo ni ajaja; isaanis ni baʼu” waliin jedhan. 37 Oduun waaʼee isaas biyya naannoo sanaa guutuu keessa faffacaʼe.
38 Yesuus mana sagadaatii baʼee mana Simoon dhaqe. Haati niitii Simoonis dhukkuba dhagna gubaa hamaadhaan qabamtee dhiphachaa turte; isaanis akka Yesuus ishee gargaaru isa kadhatan. 39 Innis isheetti gad jedhee, dhagna gubaa sana ifate; dhagna gubaan sunis ishee dhiise. Isheenis yeruma sana kaatee isaan tajaajiluu jalqabde.
40 Namoonnis yeroo aduun lixxetti namoota dhukkuba gosa garaa garaa qaban hunda gara Yesuus fidan; innis tokkoo tokkoo isaanii irra harka isaa kaaʼee isaan fayyise. 41 Akkasumas hafuuronni hamoon iyyanii, “Ati Ilma Waaqaa ti!” jedhanii namoota baayʼee keessaa baʼan. Inni garuu sababii isaan akka inni Kiristoos[f] taʼe beekaniif isaan ifate; akka isaan dubbatanis hin eeyyamneef.
42 Yommuu bariʼettis Yesuus achii baʼee, iddoo namni hin jirre tokko dhaqe. Namoonnis isa barbaadaa turan; yommuu gara isaa dhufanittis akka inni isaan dhiisee hin deemneef isa dhowwuu yaalan. 43 Inni garuu,