1 Guyyaa jalqaba torban sanaa ganama barii, dubartoonni sun urgooftuu qopheessan sana fudhatanii gara awwaalaa dhaqan. 2 Isaanis dhagaa sana balbala awwaalaa irraa gara galfamee argan; 3 yommuu seenanitti garuu reeffa Gooftaa Yesuus hin arganne. 4 Utuma isaan waaʼee kanaa dinqisiifachaa jiranuu, namoonni uffata caccalaqqisaa uffatan lama isaan bira dhadhaabatan. 5 Dubartoonni sunis sodaatanii mataa buusanii lafa ilaalan; namoonni sun garuu akkana isaaniin jedhan; “Isin maaliif warra duʼan keessa isa jiraataa barbaaddu? 6 Inni as hin jiru; kaʼeera! Waan inni yeroo isin wajjin Galiilaa turetti isinitti hime sana yaadadhaa. 7
9 Isaanis yommuu iddoo awwaalaatii deebiʼanitti waan kana hunda barattoota kudha tokkottii fi namoota hafan hundatti himan. 10 Warri waan kana ergamootatti himanis Maariyaam ishee Magdalaa, Yohaanaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii fi dubartoota biraa warra isaan wajjin turanii dha. 11 Isaan garuu sababii dubbichi oduu sobaa itti fakkaateef dubartoota sana hin amanne. 12 Taʼus Phexros kaʼee gara awwaala sanaatti fiige. Yommuu gad jedhee ilaalettis huccuu quncee talbaa irraa hojjetame qofa arge; innis waan arge sana dinqifachaa deebiʼe.
13 Guyyuma sana isaan keessaa namoonni lama ganda Emaaʼuus jedhamu dhaqaa turan; Emaaʼuusis Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira kudha tokkoo fagaata. 14 Isaanis waaʼee waan taʼe sana hundaa walitti dudubbachaa turan. 15 Utuma isaan walitti dudubbachaa fi wajjin haasaʼaa jiranuus Yesuus mataan isaa itti dhiʼaatee isaan wajjin deemuu jalqabe. 16 Garuu akka isaan isa hin hubanneef iji isaanii qabamee ture.
17 Innis,
19 Innis,
25 Innis akkana isaaniin jedhe;
28 Yommuu ganda dhaqaa turan sanatti dhiʼaatanittis Yesuus waan darbee deemu of fakkeesse. 29 Isaan garuu, “Sababii galgalaaʼuu gaʼee fi dukkanaaʼaa jiruuf, nu bira buli” jedhanii jabeessanii isa kadhatan. Innis isaan bira buluuf gore.
30 Innis yommuu isaan wajjin maaddiitti dhiʼaatetti buddeena fuudhee, eebbisee, caccabsees isaaniif kenne. 31 Iji isaanii ni baname; isas ni beekan; innis ija isaanii duraa dhokate. 32 Isaanis, “Yeroo inni karaatti nu wajjin dubbachaa turee fi yeroo inni Katabbiiwwan Qulqulluu nuu ibsaa ture sana, garaan keenya nu keessatti bobaʼaa hin turree?” jedhanii wal gaafatan.
33 Yeruma sanas kaʼanii Yerusaalemitti deebiʼan; achitti immoo barattoota kudha tokkoo fi namoota isaan wajjin turan sana walitti qabamanii argan. 34 Warri walitti qabaman sunis, “Dhugumaan Gooftaan duʼaa kaʼeera; Simoonittis mulʼateera” jechaa turan. 35 Namoonni lamaan sunis waan karaa irratti taʼe hundumaa fi yeroo Yesuus buddeena caccabse sana akkamitti akka isa beekan odeessan.
36 Utuu isaan waan kana dudubbachaa jiranuu, Yesuus mataan isaa isaan gidduu dhaabatee,
37 Isaan garuu waan ekeraa argan seʼanii naʼan; ni sodaatanis. 38 Innis akkana isaaniin jedhe;
40 Innis waan kana dubbatee harka isaatii fi miilla isaa isaanitti argisiise. 41 Utuma isaan sababii gammachuutii fi sababii dinqifannaatiif amma illee hin amanin,
44 Innis,
45 Innis akka isaan Katabbiiwwan Qulqulluu hubataniif qalbii isaanii baneef. 46 Akkanas isaaniin jedhe;
50 Innis achii baasee hamma Biitaaniyaatti isaan geesse; harka isaa lamaanis ol kaafatee isaan eebbise. 51 Utuma isaan eebbisaa jiruus isaan dhiisee samiitti ol fudhatame. 52 Isaanis isaaf sagadanii gammachuu guddaadhaan Yerusaalemitti deebiʼan. 53 Yeroo hundas mana qulqullummaa keessatti Waaqa galateeffachaa turan.
-
a 24:26yookaan Masiihichi