5 Barattoota isaa keessaas tokko tokko waaʼee mana qulqullummaa, haala manni qulqullummaa sun dhagaawwan babbareedanii fi kennaawwan Waaqaaf kennamaniin itti miidhagfame dudubbachaa turan. Yesuus garuu akkana jedhe; 6“Yeroon itti wanni isin ilaaltan kun hundinuu, utuu dhagaan tokko iyyuu wal irratti hin hafin diigamu tokko ni dhufa.”
7 Isaanis, “Yaa barsiisaa, wanni kun yoom taʼa? Mallattoon yeroo wanni kun itti fiixaan baʼuu gaʼuu maali?” jedhanii gaafatan.
8 Innis akkana jedhee deebise; “Isin akka hin gowwoomfamneef of eeggadha. Namoonni hedduun, ‘Ani isa; yeroon sun dhiʼaateera’ jechaa maqaa kootiin ni dhufuutii. Isin garuu isaan duukaa hin buʼinaa.9Yommuu waaʼee waraanaatii fi waaʼee fincilaa dhageessanitti, hin sodaatinaa. Wanni kun duraan dursee taʼuu qabaatii; dhumni garuu yeruma sana hin taʼu.”
10 Innis akkana isaaniin jedhe; “Sabni sabatti, mootummaanis mootummaatti ni kaʼa.11Iddoo garaa garaatti sochiin lafaa guddaan, beellii fi golfaan ni taʼa; samii irrattis wanni sodaachisaanii fi mallattoon gurguddaan ni taʼa.
12“Kana hunda dura garuu isaan isin qabu; isin ariʼatus. Dabarsanii manneen sagadaatti isin kennu; mana hidhaa keessas isin buusu; isin maqaa kootiif jettanii fuula moototaatii fi bulchitootaa duratti ni dhiʼeeffamtu.13Akkasiin isin anaaf dhugaa baatu.14Isin garuu akkamitti akka falmattan duraan dursitanii akka hin yaaddofne yaadatti qabadhaa.15Anuu afaanii fi ogummaa diinonni keessan tokko iyyuu dandaʼanii dura hin dhaabanne yookaan hin mormine isiniif nan kennaatii.16Abbaa fi haati, obboloonni, firoonnii fi michoonni dabarsanii isin kennu; isin keessaas tokko tokko ni ajjeesu.17Namni hundinuu sababii maqaa kootiif isin jibba.18Garuu rifeensi mataa keessanii tokko iyyuu hin badu.19Isin jabaadhaa dhaabadhaa; yoos lubbuu keessan ni oolfattu.
20“Isin yommuu Yerusaalem loltootaan marfamtee argitanitti akka badiin ishee dhiʼaate beekaa.21Yommus warri Yihuudaa keessa jiran gaarranitti haa baqatan; warri magaalaa keessa jiranis achii haa baʼan; warri baadiyyaa jiran immoo magaalaa hin seenin.22Akka wanni barreeffame hundinuu raawwatamuuf yeroon kun yeroo haaloo baasuutii.23Bara sana keessa dubartoota ulfaatii fi haadhota hoosisaniif wayyoo! Lafa irratti dhiphinni guddaan, saba kanatti immoo dheekkamsi ni dhufaatii.24Isaanis goraadeedhaan ajjeefamu; boojiʼamaniis biyyoota ormaa hundatti ni geeffamu; hamma barri Namoota Ormaa dhumutti Yerusaalem Namoota Ormaatiin dhidhiitamti.
25“Aduu irratti, jiʼa irratti, urjiiwwan irrattis mallattoon ni taʼa. Lafa irrattis sababii huursaatii fi dhaʼaa galaanaatiif saboonni ni muddamu; waan taʼanis ni wallaalu.26Namoonnis sababii humnoonni samii irraa raafamaniif, waan addunyaa kanatti dhufuuf jiru yaaddaʼanii sodaadhaan ni gaggabu.27Isaanis yeroo sana utuu Ilmi Namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessaan dhufuu ni argu.28Yommuu wanni kun taʼuu jalqabutti mataa keessan ol qabadhaa; olis ilaalaa; furamuun keessan dhiʼaateeraatii.”