1
3 “ ‘Tokkoon tokkoon keessan haadha keessanii fi abbaa keessaniif ulfina kennaa; Sanbatoota koos eegaa. Ani
4 “ ‘Gara waaqota tolfamootti hin deebiʼinaa yookaan sibiila baqfame irraa ofii keessaniif waaqota hin tolfatinaa. Ani
5 “ ‘Yommuu aarsaa nagaa
9 “ ‘Yommuu oomisha lafa keessanii walitti qabattanitti hamma daariitti hin haaminaa; qarmii isaa illee hin funaannatinaa. 10 Qarmii iddoo dhaabaa wayinii keetii hin funaanin yookaan ija wayinii keetii kan harcaʼe hin funaanin. Hiyyeeyyii fi alagootaaf dhiisaa. Ani
11 “ ‘Hin hatinaa.
12 “ ‘Sobaan maqaa kootiin hin kakatinaa; akkasiinis maqaa Waaqa keessanii hin xureessinaa. Ani
13 “ ‘Ollaa kee gowwoomsitee waa irraa hin fudhatin yookaan hin saamin.
14 “ ‘Nama gurra duudaa hin abaarin yookaan nama jaamaa dura gufuu hin kaaʼin; garuu Waaqa kee sodaadhu. Ani
15 “ ‘Murtii hin jalʼisinaa; nama wal caalchisuudhaan gara hiyyeessaa hin gorinaa; nama guddaafis hin looginaa; ollaa keetiif garuu murtii qajeelaa kenni.
16 “ ‘Saba kee gidduutti hamii hin facaasin.
17 “ ‘Garaa keetti obboleessa kee hin jibbin; akka cubbuu isaa keessatti qooda hin qabaanneef ollaa kee ifaan ifatti itti dheekkami.
18 “ ‘Saba kee keessaa nama tokkotti iyyuu haaloo hin baʼin yookaan haaloo itti hin qabatin; ollaa kee garuu akkuma ofii keetiitti jaalladhu. Ani
19 “ ‘Sirna koo eegaa.
20 “ ‘Namni garbittii nama biraaf kaadhimamte kan hin furamin yookaan bilisummaan ishee hin kennaminiif wajjin yoo wal bira gaʼe isaan adabamuu qabu; taʼus waan dubartiin sun hin bilisoominiif isaan hin ajjeefamin. 21 Namichi sun garuu korbeessa hoolaa tokko aarsaa yakkaatiif gara balbala dunkaana wal gaʼiitti
23 “ ‘Isin yommuu biyyattiitti galtanii muka ija kennu kan gosa hundaa dhaabdanitti, akka waan iji isaa dhowwameetti fudhadhaa. Isin akka waan iji sun hamma waggaa sadiitti dhowwameetti ilaalaa; iji sun hin nyaatamin. 24 Waggaa afuraffaatti immoo iji isaa hundinuu ni qulqullaaʼa;
26 “ ‘Utuu dhiigni keessa jiruu foon kam iyyuu hin nyaatinaa.
27 “ ‘Rifeensa mataa keessanii naannessitanii hin haaddatinaa yookaan qarqara areeda keessaniis hin murmuratinaa.
28 “ ‘Nama duʼeef jettanii dhagna keessan hin mammadeessinaa yookaan mallattoo tumaa tokko illee of irratti hin tolfatinaa. Ani
29 “ ‘Akka lafti halalummaatti deebitee hamminaan hin guutamneef intala kee akka isheen ejjitu gochuudhaan ishee hin salphisin.
30 “ ‘Sanbatoota koo eegaa; iddoo qulqulluu koos kabajaa. Ani
31 “ ‘Isin akka hin xuroofneef ilaaltota bira hin deeminaa yookaan warra ekeraa dubbisan hin barbaadinaa. Ani
32 “ ‘Warra dulloomaniif kaʼi; jaarsaaf ulfina kenni; Waaqa kee sodaadhu. Ani
33 “ ‘Yoo alagaan biyya keessan keessa isin wajjin jiraate isa hin cunqursinaa. 34 Alagaan isin gidduu jiraatu sun akka dhalataa biyya keessaniitti haa ilaalamu. Akka ofii keessaniitti isa jaalladhaa; isinis biyya Gibxitti alagoota turtaniitii. Ani
35 “ ‘Isin yommuu dheerina, ulfinaa fi baayʼina wayii safartanitti madaalii gowwoomsaatti hin fayyadaminaa. 36 Safartuu fi madaalii dhugaatti, iifii[a] fi iinii[b] dhugaatti fayyadamaa. Ani
37 “ ‘Ajajaa fi seera koo hunda eegaatii duukaa buʼaa. Ani