1
3 “Akki Aroon itti Iddoo Iddoo Hunda Caalaa qulqulluu sana seenu kanaa dha: Aarsaa cubbuutiif dibicha tokko, aarsaa gubamuuf immoo korbeessa hoolaa tokko haa fidu. 4 Innis kittaa quncee talbaa irraa hojjetame qulqulluu isaatii fi uffata dhagna isaatti aanu kan quncee talbaa irraa hojjetame haa kaaʼatu. Sabbata quncee talbaa irraa hojjetame hidhatee marata mataa kan quncee talbaa irraa hojjetames haa maratu; kunneen uffata qulqulluu dha. Kanaafuu inni utuu uffata sana hin uffatin dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu. 5 Waldaa saba Israaʼel irraas aarsaa cubbuutiif korommii reʼee lama, aarsaa gubamuuf immoo korbeessa hoolaa tokko haa fuudhu.
6 “Aroon aarsaa cubbuu ofii isaatiif dibicha sana dhiʼeessee ofii isaatii fi warra mana isaa jiraniif araara haa buusu. 7 Ergasiis reʼoota lamaan sana fuudhee balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula
11 “Aroonis aarsaa cubbuu ofii isaatiif dibicha sana dhiʼeessee ofii isaatii fi warra mana isaa jiraniif araara haa buusu; dibicha sanas cubbuu ofii isaatiif haa qalu. 12 Innis girgiraa barbadaa ibiddaa iddoo aarsaa kan fuula
15 “Reʼee sanas aarsaa cubbuu sabaa godhee haa qalu; dhiiga isaas fuudhee golgaa keessa seenuudhaan akkuma dhiiga dibicha sanaa godhe sana haa godhu; dhiiga sanas teessoo araaraa irrattii fi fuula teessoo araaraa duratti haa facaasu. 16 Cubbuun isaanii waanuma fedhe taʼu illee inni sababii xuraaʼummaa fi fincila saba Israaʼeliif Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana haala kanaan araara haa buusu; dunkaana wal gaʼii kan xuraaʼummaa isaanii keessa isaan gidduu jiruufis akkasuma haa godhu. 17 Yeroo Aroon Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana keessatti araara buusuuf ol seenee jalqabee hamma inni ofii isaatiif, warra mana isaa jiranii fi waldaa Israaʼel hundaaf araara buusee gad baʼutti namni tokko iyyuu dunkaana wal gaʼii keessatti hin argamin.
18 “Ergasiis iddoo aarsaa kan fuula
20 “Aroon erga Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana, dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaatiif araara buusee raawwatee booddee reʼee lubbuudhaan jiru sana gara fuulduraatti haa dhiʼeessu. 21 Innis harka isaa lamaanuu mataa reʼee lubbuudhaan jiru sanaa irra kaaʼee achi irratti hamminaa fi fincila saba Israaʼel jechuunis cubbuu isaanii hunda hima. Yakka hundas mataa reʼee sanaa irra kaaʼee reʼee sana nama hojii kanaaf filatame tokkotti kennee gara gammoojjiitti haa ariʼu. 22 Reʼeen sunis cubbuu isaanii hunda of irratti baatee gara lafa namni hin dhaqneetti geessa; namichis gammoojjii keessatti isa gad dhiisa.
23 “Ergasiis Aroon dunkaana wal gaʼii seenee uffata quncee talbaa irraa hojjetame kan utuu Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana hin seenin uffate sana baafatee achumatti haa dhiisu. 24 Innis lafa qulqulluu tokkotti dhagna isaa bishaaniin dhiqatee uffata isa haa uffatu; ergasii immoo gad baʼee ofii isaatii fi saba sanaaf araara buusuuf, ofii isaatiif aarsaa gubamu, saba sanaafis aarsaa gubamu haa dhiʼeessu. 25 Cooma aarsaa cubbuu illee iddoo aarsaa irratti haa gubu.
26 “Namichi reʼee sana akka reʼee gad lakkifamu tokkootti gad dhiisu sun wayyaa isaa miiccatee dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; ergasii gara qubataatti ol galuu dandaʼa. 27 Dibichii fi reʼeen aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffaman kanneen dhiigni isaanii araara buusuuf Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluutti fidame sun qubata keessaa haa baafaman; gogaan isaanii, foonii fi miʼi garaa isaanii haa gubamu. 28 Namichi wantoota kanneen gubus uffata isaa miiccatee dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; ergasii gara qubataatti ol galuu dandaʼa.
29 “Seerri bara baraan isiniif kenname kanaa dha: Dhalataa biyyaas taʼu alagaan isin gidduu jiraatu guyyaa kurnaffaa jiʼa torbaffaatti gad of haa qabu; hojii tokko iyyuus hin hojjetin. 30 Sababiin isaa isin qulqulleessuuf guyyaan kun guyyaa itti araarri buʼu dha; ergasiis isin fuula
34 “Seerri bara baraan isiniif kenname kanaa dha: Kunis akka cubbuu Israaʼelootaa hundaaf waggaatti yeroo tokko araarri buufamuuf.”