1 Egaa Yesuus Yohannis caalaa barattoota akka baayʼifatee fi akka cuuphe Fariisonni dhagaʼuu isaanii Gooftaan ni beeke; 2 taʼus barattoota isaatu cuuphaa ture malee Yesuus ofii isaatii hin cuuphine. 3 Inni Yihuudaa dhiisee amma illee Galiilaatti deebiʼe.
4 Innis Samaariyaa keessa darbuu qaba ture. 5 Kanaafuu gara magaalaa Samaariyaa kan Siikaar jedhamu tokkoo dhufe; magaalaan sunis lafa Yaaqoob ilma isaa Yoosefiif kenne sanatti dhiʼoo dha. 6 Boolli bishaanii kan Yaaqoob tokko achi ture; Yesuusis waan karaa deemuudhaan dadhabeef boolla bishaanii sana bira taaʼe. Yeroonis gara saʼaatii jaʼaa ture.
7 Dubartiin Samaariyaa tokkos bishaan waraabbachuu dhufte; Yesuusis,
9 Dubartiin Samaariyaa sunis Yesuusiin, “Ati utuu Yihuudii taatee jirtuu akkamitti ‘na obaasi’ jettee ana dubartii Samaariyaa kadhatta?” jetteen. Yihuudoonni warra Samaariyaa wajjin walitti dhufeenya hin qaban tureetii.
10 Yesuusis deebisee,
11 Dubartittiinis akkana jetteen; “Yaa gooftaa, ati waan ittiin waraabbattu hin qabdu; boolli bishaanii kunis gad fagoo dha. Yoos bishaan jireenyaa eessaa argatta? 12 Ati abbaa keenya Yaaqoob isa boolla bishaanii kana nuu kenne caalta moo? Inni mataan isaa, ijoolleen isaatii fi horiin isaa boolla bishaanii kana keessaa dhugaa turan.”
13 Yesuus immoo akkana jedhee deebise;
15 Dubartittiinis, “Yaa Gooftaa, akka ani hin dheebonneef, bishaan waraabuufis akka ani as hin dhufneef bishaan sana naa kenni” jetteen.
16 Yesuus immoo,
17 Dubartittiin, “Ani dhirsa hin qabu” jetteen.
19 Dubartittiinis akkana jette; “Yaa Gooftaa, akka ati raajii taate nan hubadha. 20 Abbootiin keenya tulluu kana irratti sagadaa turan; isin Yihuudoonni garuu iddoon namni itti waaqeffachuu qabu Yerusaalem jettu.”
21 Yesuusis akkana jedheen;
25 Dubartittiinis, “Ani akka Masiihiin Kiristoos jedhamu dhufu nan beeka. Inni yommuu dhufutti waan hunda nutti hima” jetteen.
26 Yesuusis,
27 Barattoonni isaa yommusuma deebiʼanii utuu inni dubartii tokko wajjin dubbatuu arganii dinqisiifatan. Garuu namni, “Maal barbaadda?” yookaan “Maaliif ishee wajjin haasofta?” jedhee isa gaafatu tokko iyyuu hin turre.
28 Dubartiin sunis okkotee ishee dhiiftee gara magaalaatti deebite; namootaanis akkana jette; 29 “Kottaatii nama waan ani hojjedhe hunda natti hime tokko ilaalaa! Tarii inni Kiristoos[a] taʼinnaa?” 30 Isaanis magaalaa keessaa baʼanii Yesuus bira dhufan.
31 Kana gidduutti barattoonni isaa, “Yaa barsiisaa, mee waa nyaadhu!” jedhanii isa kadhatan.
32 Inni garuu,
33 Barattoonni isaas, “Namatu nyaata fideefii laata?” jedhanii wal gaafatan.
34 Yesuus immoo akkana jedheen;
39 Sababii dubartittiin, “Inni waan ani hojjedhe hunda natti hime” jettee dhugaa baateef namoonni Samaariyaa warri magaalaa sanaa baayʼeen isatti amanan. 40 Kanaafuu namoonni Samaariyaa yommuu gara isaa dhufanitti akka inni isaan wajjin turuuf isa kadhatan; innis guyyaa lama achi ture. 41 Sababii dubbii isaatiinis namoonni biraa baayʼeen isatti amanan.
42 Isaanis dubartittiidhaan, “Siʼachi wanni nu amannuuf sababii dubbii ati nutti himte sanaatiif miti; nu mataan keenya iyyuu isa dhageenyeerraatii; akka inni dhugumaan Fayyisaa addunyaa taʼes beekneerra” jedhan.
43 Guyyaa lamaan sana booddee Yesuus Galiilaa dhaqe. 44 Yesuus mataan isaa iyyuu akka raajiin tokko biyya isaa keessatti kabaja hin qabne dubbatee tureetii. 45 Yommuu inni Galiilaa gaʼettis warri Galiilaa isa simatan. Isaanis sababii Yerusaalem turaniif waan inni yeroo Ayyaana Faasiikaatti achitti hojjete hunda arganii turan.
46 Kanaafuu inni deebiʼee gara Qaanaa ishee Galiilaa keessaa iddoo itti bishaan gara daadhii wayiniitti geeddaree ture sanaa dhaqe. Qondaalli mootii kan ilmi isaa dhukkubsate tokkos Qifirnaahom keessa ture. 47 Namichi kunis yommuu akka Yesuus Yihuudaadhaa kaʼee Galiilaa dhufe dhagaʼetti isa bira dhaqee akka inni dhufee ilma isaa kan duʼuu gaʼe sana fayyisu isa kadhate.
48 Kana irratti Yesuus,
49 Qondaaltichis, “Yaa Gooftaa, maaloo utuu mucaan koo hin duʼin naa qaqqabi” jedheen.
50 Yesuusis,
53 Abbaan mucichaas akka yeroon sun yeroo Yesuus itti,
54 Kun mallattoo lammaffaa Yesuus erga Yihuudaadhaa Galiilaa dhufee hojjetee dha.
<- Yohannis 3Yohannis 5 ->-
a 4:29 yookaan Masiihichaa