4 Gedaaliyaas ajjeefamee guyyaa itti aanutti utuu namni tokko iyyuu hin beekin, 5 namoonni areeda isaanii haaddatanii, wayyaa isaanii tatarsaasanii, of cicciran Saddeettamni kennaa midhaaniitii fi ixaana qabatanii Sheekemii, Shiiloo fi Samaariyaadhaa gara mana
10 Ishmaaʼeel namoota Miisphaa keessaa hafan hunda intallan mootichaatii fi warra achitti hafan kanneen Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam isaan irratti shuumee ture hunda boojiʼe. Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaas isaan fudhatee gara Amoonotaatti ceʼuuf kaʼee qajeele.
11 Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni waraanaa kanneen isa wajjin turan hundi yeroo waaʼee yakka Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa hojjete hundaa dhagaʼanitti 12 namoota isaanii hunda fudhatanii Ishmaaʼeel ilma Naataaniyaa loluu dhaqan. Isaanis haroo Gibeʼoon guddicha biratti isa qaqqaban. 13 Namoonni Ishmaaʼeel wajjin turan hundi yommuu Yoohaanaan ilma Qaareyaatii fi ajajjoota loltootaa kanneen isa wajjin turan arganitti ni gammadan. 14 Namoonni Ishmaaʼeel Miisphaadhaa boojiʼee ture hundis isa biraa deebiʼanii gara Yoohaanaan ilma Qaareyaa dhaqan. 15 Garuu Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaatii fi namoota isaa keessaa saddeeti Yoohaanaan jalaa miliqanii gara Amoonotaatti baqatan.
16 Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni loltoota warri isa wajjin turan hundi namoota Miisphaa warra Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa erga Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam ajjeesee booddee boojiʼe kaan hunda fuudhanii deeman; isaanis loltoota, dubartoota, ijoollee fi qondaaltota mana murtii kanneen Yoohaanaan Gibeʼoonii deebisee fidee dha. 17 Isaanis achii kaʼanii gara Gibxitti qajeeluudhaan Beetlihem biratti Geeroti Kimhaam keessa boqotan; 18 kunis Baabilonota jalaa miliquuf ture. Isaan sababii Ishmaaʼeel ilmi Naataaniyaa sun Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam isa mootiin Baabilon biyyattii irratti bulchaa godhee shuume sana ajjeeseef jara sodaatan.
<- Ermiyaas 40Ermiyaas 42 ->