14 “Yaa saba amantii hin qabne, deebiʼaa” jedha Waaqayyo; “ani dhirsa keessaniitii. Ani magaalaa tokko irraa nama tokko, balbala tokko irraa nama lama filadhee Xiyoonitti isin nan fida. 15 Ergasii ani tiksoota akka garaa kootii taʼan, kanneen beekumsaa fi hubannaadhaan isin qajeelchan isinii nan kenna. 16 Bara sana keessa, yeroo baayʼinni keessan biyyattii keessatti akka malee guddatutti,” jedha Waaqayyo, “Namoonni siʼachi, ‘Taabota kakuu Waaqayyoo’ hin jedhan.” Wanni kun gonkumaa sammuu isaanii keessa hin seenu, yookaan hin yaadatamu; kan isa barbaadu hin jiru, yookaan kan biraa hin tolfamu. 17 Isaan yeroo sanatti Yerusaalemiin Teessoo Waaqayyoo jedhanii waamu; saboonni hundinuus maqaa Waaqayyoo ulfeessuuf Yerusaalemitti walitti ni qabamu. Isaan siʼachi mata jabina hammina garaa isaanii duukaa hin buʼan. 18 Bara sana keessa manni Yihuudaa mana Israaʼelitti ni makama; isaanis tokkummaadhaan biyya kaabaatii gara biyya ani akka dhaalaatti abbootii keessaniif kenne sanaa ni dhufu.
19 “Ani mataan koo akkana nan jedhe;
“ ‘Ani silaa hamman akkuma ilmaan kootti
si fudhadhee biyya namatti toltu,
dhaala akka malee miidhagu kan saba kamii iyyuu siif nan kenna ture.’
Ani waan ati, ‘Abbaa ko’ jettee na waamtuuf,
waan ati na duukaa buʼuu hin dhiifne seʼee ture.
20 Yaa mana Israaʼel,
ati garuu akkuma niitii dhirsa isheetiif hin amanamne tokkoo,
anaaf hin amanamne turte”
jedha Waaqayyo.
21 Isaan karaa isaanii jalʼisanii
Waaqayyo Waaqa isaanii waan irraanfataniif
gaara duwwaa irratti iyyi,
booʼichii fi waammannaan saba Israaʼel ni dhagaʼama.
22 “Yaa saba amantii hin qabne deebiʼaa;
ani duubatti deebiʼuu keessan nan fayyisaatii.”
“Kunoo, nu gara kee ni dhufna;
Ati Waaqayyo Waaqa keenyaatii.
23 Dhugumaan wacni gaarranii fi
tulluuwwan irraa gowwoomsaa dha;
dhugumaan fayyinni Israaʼel
harka Waaqayyo Waaqa keenyaa jira.
24 Ijoollummaa keenyaa jalqabnee waaqonni nama qaanessan,