1 Erga Eehuud duʼee booddee Israaʼeloonni ammas fuula
4 Yeroo sanatti niitiin Lafiidoot Debooraan raajittiin Israaʼelin bulchaa turte. 5 Isheenis biyya gaaraa Efreemitti Muka Meexxii Debooraa kan Raamaa fi Beetʼeel gidduutti argamu sana jala teessee murtii kennaa turte. Sabni Israaʼelis murtii argachuuf gara ishee dhufaa ture. 6 Isheenis Baaraaqi ilma Abiinooʼam biyya Niftaalem magaalaa Qaadeshiitii waamsifatee akkana jetteen; “
8 Baaraaqis, “Yoo ati na wajjin deemte, ani nan deema; yoo ati na wajjin hin deemin garuu anis hin deemu” jedheen.
9 Debooraanis, “Ani dhugumaan si faana nan deema. Yoo ati haala kanaan deemte garuu ulfinni siʼiif hin taʼu;
11 Yeroo sanatti Hebeer namichi gosa Qeen abbaan niitii Musee sun Qeenota ilmaan Hoobaab kaan irraa citee Qaadesh biratti lafa Zaʼaanaaniim jedhamutti qilxuu guddaa jala dunkaana isaa dhaabbatee ture.
12 Siisaaraan yommuu akka Baaraaqi ilmi Abiinooʼam sun gara Tulluu Taabooritti ol baʼee dhagaʼetti, 13 gaariiwwan sibiilaa dhibba sagalii fi loltoota isaa kanneen Harooshet Hagooyimii hamma Laga Qiishoonitti argaman hundumaa walitti qabate.
14 Kana irratti Debooraan Baaraaqiin, “Kaʼi! Guyyaan
16 Baaraaqi garuu gaariiwwanii fi loltoota Siisaaraa hamma Harooshet Hagooyimiitti ariʼe; loltoonni Siisaaraa hundinuu goraadeedhaan dhuman. Namni tokko iyyuu hin hafne. 17 Siisaaraan garuu sababii Yaabiin mooticha Haazoorii fi Hebeer namicha balbala Qeen sana gidduu hariiroon gaariin tureef gara dunkaana Yaaʼeel niitii Hebeer sanaatti miillaan baqate.
18 Yaaʼeelis Siisaaraa simachuuf gad baatee, “Kottu yaa gooftaa koo; kottu ol seeni; hin sodaatin” isaan jette. Innis dunkaana ishee seene; isheenis wayyaa isa irra buuftee dhoksite.
19 Innis, “Ani dheebodheera; maaloo bishaan naa kenni” jedheen. Isheenis qabee aannanii bantee waan inni dhugu kenniteefii isa dhoksite.
20 Innis, “Balbala dunkaanaa dura dhaabadhu; yoo eenyu iyyuu dhufee, ‘Namni as jiraa?’ siin jedhe, ‘hin jiru’ jedhi” isheen jedhe.
21 Yaaʼeel niitiin Hebeer garuu utuu Siisaaraan hirriba cimaa keessa jiruu qofoo dunkaanaa fi burruusa fudhattee suuta jettee bira geesse. Qofoo sanaanis isa waraantee lafatti hodhite; innis ni duʼe.
22 Yommuu Baaraaqi Siisaaraa duukaa buʼee dhufettis, Yaaʼeel isa simachuudhaaf gad baatee, “Kottu nama ati barbaaddu sittan argisiisaa” jetteen. Kanaafuu inni ishee wajjin gara dunkaanichaatti ol seenee Siisaaraa akkuma illeen isaa qofoodhaan waraanametti reeffa isaa arge.
23 Waaqnis gaafa sana akka Yaabiin mootiin Kanaʼaanotaa fuula Israaʼelootaa duratti moʼatamu godhe. 24 Harki Israaʼelootaas hamma isaan Yaabiin mooticha Kanaʼaanotaa galaafatanitti jajjabaachaa deeme.
<- Abbootii Murtii 3Abbootii Murtii 5 ->