1 Ergasii yeroo qamadiin walitti qabamutti Saamsoon korma reʼee xinnaa isaa fudhatee niitii isaa ilaaluu dhaqe. Innis, “Ani daree niitii koo nan seena” jedhe. Abbaan niitii isaa garuu eeyyamuufii dide.
2 Innis, “Ani waan ati ishee jibbiteerta jedhee dhugumaan amaneef miinjee keetti ishee heerumsiiseera; obboleettiin ishee quxisuun, ishee caalaa bareedduu mitii? Qooda sanaa ishee fudhadhu” jedheen.
3 Saamsoon deebisee, “Ani yeroo kanatti yoo miidhaa kam iyyuu Filisxeemota irraan gaʼe itti hin gaafatamu” isaaniin jedhe. 4 Kanaafuu inni achii baʼee waangota dhibba sadii qabee lama lamaan eegee isaanii walitti hidhe. Eegee lamaan lamaan isaanii irrattis guca guduunfe; 5 ibiddas itti qabsiisee qamadii Filisxeemotaa keessatti waangota sana gad lakkise. Midhaan haamamee fi kan hin haamaminitti akkasumas iddoo dhaabaa wayiniitii fi ejersaa guggube.
6 Yeroo Filisxeemonni, “Eenyutu waan kana godhe?” jedhanii gaafatanitti, “Saamsoon dhirsa intala namicha Tiimnaahi sanaatu sababii niitiin isaa miinjee isaatti jalaa heerumsiifamteef waan kana godhe” jedhamee isaanitti himame.
9 Filisxeemonnis ol baʼanii naannoo Lehiitti faffacaʼanii Yihuudaa keessa qubatan. 10 Namoonni Yihuudaas, “Isin maaliif nu waraanuuf dhuftan?” jedhanii isaan gaafatan.
11 Ergasiis namoonni kuma sadii Yihuudaadhaa gara holqa Eexaamitti gad buʼanii Saamsooniin, “Ati maali nu goote? Akka Filisxeemonni nu bulchan hin beektuu?” jedhan.
12 Isaanis, “Nu si hiinee dabarsinee Filisxeemotatti si kennuuf dhufne” jedhaniin.
13 Isaanis, “Tole, nu si hiinee dabarsinee harka isaaniitti si kennina malee ofii keenyaan siʼi hin ajjeefnu” jedhaniin. Kanaafuu funyoo haaraa lamaan isa hidhanii holqa keessaa isa baasan. 14 Yeroo inni Lehiitti dhiʼaatettis Filisxeemonni iyyaa gara isaa dhufan. Hafuurri
16 Kana irrattis Saamsoon,
18 Innis sababii akka malee dheeboteef, “Ati moʼannaa guddaa akkanaa garbicha keetiif kenniteerta. Egaa ani amma dheebuudhaan duʼee harka warra dhagna hin qabatinii keessan buʼaa?” jechuudhaan
20 Saamsoon bara Filisxeemotaa keessa waggaa digdama Israaʼeloota bulche.
<- Abbootii Murtii 14Abbootii Murtii 16 ->