1 Saamsoon gara Tiimnaahitti gad buʼee durba Filisxeem tokko achitti arge. 2 Yommuu achii deebiʼettis abbaa fi haadha isaatiin, “Ani Tiimnaahitti intala Filisxeem tokko argeeraatii na fuusisaa” jedhe.
3 Abbaa fi haatii isaa deebisanii, “Wanni akka ati Filisxeemota dhagna hin qabanne keessaa niitii fuutu si godhu firoota kee keessaa yookaan saba keenya hunda keessaa dubartiin dhabamteetii?” jedhaniin.
5 Saamsoon abbaa isaatii fi haadha isaa wajjin gara Tiimnaahitti gad buʼe. Akkuma isaan iddoo dhaabaa wayinii Tiimnaahi bira gaʼaniinis leenci saafelli tokko ittanaa isatti dhufe. 6 Hafuurri
8 Innis yeroo gabaabaa booddee yommuu ishee fuudhuuf achi deebiʼetti raqa leenca sanaa ilaaluuf of irra gara gale. Raqa leencichaa keessas tuunni kanniisaa guutee damma dammeessee ture; 9 dammichas harka isaatti fudhatee nyaachaa karaa isaa itti fufe. Yommuu gara abbaa fi haadha isaa dhufettis damma sana irraa isaaniif kenne; isaanis ni nyaatan. Inni garuu akka damma sana raqa leencaa keessaa fuudhe isaanitti hin himne.
10 Ergasii abbaan isaa intalattii ilaaluuf gad buʼe; Saamsoon akkuma dargaggoonni yeroo fuudhanitti cidha godhatan sana achitti cidha qopheesse. 11 Yommuu inni achi dhiʼaatettis isa arganii amaamota soddoma isaaf kennan.
12 Saamsoonis akkana isaaniin jedhe; “Ani hibboo tokko isinitti nan hima; yoo isin guyyoota cidhichaa torban keessatti hiikkaa isaa argattan, ani wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame soddomaa fi uffata kittii soddoma isiniifin kenna. 13 Isin yoo hiikkaa isaa natti himuu dadhabdan wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame soddomaa fi uffata kittii soddoma naa kennitu.”
14 Innis deebisee,
15 Isaanis guyyaa afuraffaatti niitii Saamsooniin, “Akka dhirsi kee hiikkaa hibboo kanaa nutti himuuf mee nuu kadhadhu; yoo kanaa achii nu siʼii fi mana abbaa keetii ibiddaan gubnaa. Ati nu saamuuf asitti nu waamtee?” jedhaniin.
16 Niitiin Saamsoonis fuula isaa duratti booʼaa “Ati na jibbiteerta! Ati dhugumaan na hin jaallattu. Ati saba koo hibboo gaafatteerta; garuu hiikkaa isaa natti hin himne” jetteen.
18 Namoonni magaalaa sanaas guyyaa torbaffaatti utuu biiftuun hin lixin,
19 Kana irratti Hafuurri