Abbootii Murtii
1 Erga Iyyaasuun duʼee booddee Israaʼeloonni, “Kanaʼaanota loluudhaaf eenyu dursee nuuf haa baʼu?” jedhanii
2
3 Namoonni Yihuudaas obboloota isaanii ilmaan Simiʼooniin, “Kottaa gara lafa qooda keenyaatti Kanaʼaanota loluuf wajjin baanaa; nus gama keenyaan gara lafa qooda keessaniitti isin wajjin ni baanaa” jedhan. Kanaafuu namoonni Simiʼoon isaan wajjin baʼan.
4 Yommuu Yihuudaan baʼettis
7 Ergasiis Adoonii-Bezeq, “Mootonni qubni abbuudduun harka isaaniitii fi qubni abbuudduun miilla isaanii irraa cirame torbaatamni waan maaddii koo jalatti harcaʼe funaannachaa turan. Amma garuu Waaqni waanuma ani isaanitti hojjedhe naa deebise” jedhe. Isaanis Yerusaalemitti isa fidan; innis achitti duʼe.
8 Namoonni Yihuudaa Yerusaalemiinis akkasuma dhaʼanii qabatan. Magaalattiis goraadeedhaan dhaʼanii ibidda itti qabsiisan.
9 Ergasiis namoonni Yihuudaa Kanaʼaanota biyya gaaraa, Negeebii fi gammoojjii karaa lixa biiftuu keessa jiraatan loluudhaaf gad buʼan. 10 Namoota Kanaʼaan kanneen Kebroon ishee dur Kiriyaati Arbaaq jedhamtu keessa jiraatanittis duulanii Sheeshaayiin, Ahiimanii fi Talmaayin moʼatan. 11 Achiis namoota biyya Debiir ishee dur Kiriyaati Seefer jedhamaa turte sana keessa jiraatanitti duulan.
12 Kaalebis, “Ani nama Kiriyaati Seefer lolee qabatutti intala koo Aaksaa nan heerumsiisa” jedhe. 13 Obboleessi Kaaleb quxisuun, Otniiʼeel ilmi Qenaz magaalattii qabate; Kaalebis intala isaa Aaksaa isatti heerumsiise.
14 Isheenis yeroo gara Otniiʼeel dhuftetti, akka inni abbaa ishee lafa qotiisaa kadhatu isa kakaafte. Kaalebis yommuu isheen harree ishee irraa buutetti, “Ani maal siif godhu?” jedhee ishee gaafate.
15 Isheenis deebiftee, “Waan addaa tokko naa godhi. Akkuma Negeeb keessatti lafa naa kennite sana burqaawwan bishaaniis naa kenni” jetteen. Kaalebis burqaawwan oliitii fi gadii kenneef.
16 Sanyiiwwan Qeenii namicha abbaa niitii Musee sanaa namoota gammoojjii Yihuudaa keessa Negeeb ishee Aaraad biratti argamtu keessa jiraatan gidduu jiraachuuf jedhanii namoota Yihuudaa wajjin Magaalaa Meexxiitii ol baʼan.
17 Namoonni Yihuudaa obboloota isaanii ilmaan Simiʼoon wajjin dhaqanii Kanaʼaanota Zefaati keessa jiraatan waraanan; magaalattiis guutumaan guutuutti barbadeessan. Kanaafuu magaalattiin Hormaa jedhamtee waamamte. 18 Akkasumas namoonni Yihuudaa Gaazaa gandoota naannoo ishee wajjin, Ashqaloon gandoota naannoo ishee wajjin, Eqroon naannoo ishee wajjin qabatan.
19
22 Gosti Yoosef immoo Beetʼeel waraanan;
27 Minaaseen garuu namoota Beet Sheʼaaniitii fi gandoota naannoo ishee yookaan Taʼanaakii fi gandoota naannoo ishee yookaan Doorii fi gandoota naannoo ishee yookaan Yibleʼaamii fi gandoota naannoo ishee yookaan Megidoo fi gandoota naannoo ishee jiraatan achii hin baafne; kanaafuu Kanaʼaanonni ittuma fufanii achi jiraachuuf murteeffatan. 28 Israaʼeloonni yommuu jabaachaa dhufanitti akka isaan hojii humnaa hojjetan isaan dirqisiisan malee Kanaʼaanota guutumaan guutuutti achii hin baafne. 29 Efreemis Kanaʼaanota Geezir keessa jiraatan achii hin baafne; Kanaʼaanonni garuu ittuma fufanii achuma isaan gidduu jiraatan. 30 Zebuuloonis Kanaʼaanota Qixroon yookaan Nahalol keessa jiraatan kanneen gidduu isaaniitti hafan hin baafne; garuu akka isaan hojii humnaa hojjetan godhan. 31 Aasheeris warra Akoo yookaan Siidoon yookaan Ahilaab yookaan Akziib yookaan Helbaa yookaan Afiiqii fi Rehoob keessa jiraatan hin baafne; 32 namoonni Aasheer sababii isaan jara ariʼanii hin baasiniif Kanaʼaanota biyya sana jiran gidduu jiraatan. 33 Niftaalem warra Beet Shemeshii fi Beet Anaati keessa jiraatan hin baafne; namoonni Niftaalem garuu Kanaʼaanota biyya sana turan gidduu jiraatan; warri Beet Shemeshii fi Beet Anaati dirqamsiifamanii hojii humnaa hojjechaafii turan. 34 Amooronni immoo warra Daan gara biyya gaaraatti dhiiban malee akka isaan sululatti gad buʼan hin eeyyamneef ture. 35 Amooronnis itti fufanii Tulluu Herees irra, Ayaaloonii fi Shaʼalbiim keessa jiraatan; garuu yommuu humni mana Yoosef jabaachaa dhufetti isaanis hojii humnaa isaanii hojjechuuf dirqisiifaman. 36 Daariin Amoorotaa Aqrabiimii jalqabee karaa Seelaatiin ol baʼa ture.
Abbootii Murtii 2 ->