27
Furamuu Israaʼel
1 Bara sana,
goraadee isaa sodaachisaa, guddaa fi jabaa sanaan,
Lewaataan boficha mirmirfamu,
Lewaataan boficha marmaramu sana ni adaba;
inni jawwee galaana keessa jiraatu ni kukkuta.
2 Bara sana akkana jedhama;
“Waaʼee iddoo dhaabaa wayinii kan namatti tolu sanaa faarfadhaa;
3 ani Waaqayyo isa nan eega;
ani yeroo hunda bishaan nan obaasa;
akka namni tokko iyyuu isa hin miineef
ani halkanii fi guyyaa isa nan eega.
4 Ani hin aaru.
Sokorruu fi qoraattiin waraanaaf utuu natti baʼanii!
Ani silaa isaanitti nan duula;
walitti qabees isaan nan guba.
5 Yoo kanaa achii isaan kooluu natti haa galan;
isaan na wajjin nagaa haa uuman;
eeyyee, isaan na wajjin nagaa haa uuman.”
6 Bara dhufuuf jiru keessa Yaaqoob hidda baasa;
Israaʼel latee daraara;
ijaanis addunyaa hunda guuta.
7 Waaqayyo akkuma warra ishee rukutan sana rukute,
ishee illee rukuteeraa?
Akkuma warri ishee ajjeesan sun ajjeefaman,
isheenis ajjeefamteertii?
8 Ati waraanuu fi ariʼuudhaan isheedhaan wal falmite;
inni guyyaa bubbeen baʼaa bubbisutti,
bubbee isaa sodaachisaa sanaan ishee balleessa.
9 Yommuu inni dhagoota iddoo aarsaa hunda
akkuma dhagaa nooraa caccabsamee godhutti,
siidaan asheeraa yookaan iddoon aarsaa ixaanaa tokko iyyuu
dhaabatee hin hafu.
dhaabatee hin hafu.
Akkasiinis balleessaan Yaaqoob ni haqamaaf;
kunis cubbuun isaa guutumaan guutuutti haqamuu isaa mirkaneessa.
10 Magaalaan dallaa jabaa qabdu ni onti;
akka gammoojjii gatamteetii fi dhiifamtee taati;
jabboonni achi dheeddi;
achis ni ciciifti;
jabboonni damee ishee qorqanii qullaa hambisu.
11 Dameen ishee yeroo gogutti irraa caccaba;
dubartoonnis dhufanii ibiddatti naqatu.
Uummanni kun hubannaa hin qabuutii;
kanaafuu Tolchaan isaanii garaa hin laafuuf;
Uumaan isaaniis isaaniif hin araaramu.
12 Bara sana