13
Raajii Baabiloniin Mormu
1 Raajii waaʼee Baabilon kan Isaayyaas ilmi Amoos arge:
2 Tulluu homaa itti hin biqilin irratti
faajjii ol kaasaatii isaanitti iyyaa;
akka isaan karra namoota
bebeekamootiin ol galaniif harkaan itti himaa.
3 Ani qulqulloota koo ajajeera;
akka isaan dheekkamsa koo hojii irra naa oolchaniif
ani loltoota koo kanneen moʼannoo kootti gammadan
waammadheera.
waammadheera.
4 Waca tulluuwwan irraa,
kan akka tuuta guddaa tokkoo dhaggeeffadhaa!
Guungummii mootummootaa
kan saboota walitti qabamanii dhaggeeffadhaa!
lolaaf jedhee loltoota qopheeffachaa jira!
5 Isaan biyya fagoodhaa
daarii samiiwwaniitii dhufan;
guutummaa biyyattii balleessuuf dhufu.
6 Waan guyyaan Waaqayyoo dhiʼaateef booʼaa;
guyyaan sun akkuma badiisa
Waaqa Waan Hunda Dandaʼu biraa ergameetti ni dhufa.
7 Kanaafuu harki hundinuu ni laamshaʼa;
onneen nama hundaas ni baqa.
8 Sodaan isaan qabata;
dhukkubbii fi gaddi isaan qabata;
akkuma dubartii ciniinsuun qabeetti wixxirfatu.
Isaan rifatanii wal ilaalu;
fuulli isaanii akka ibiddaa diimata.
9 Kunoo guyyaan Waaqayyoo ,
guyyaan hamaan, dheekkamsaa fi aarii sodaachisaadhaan,
lafa onsuu fi cubbamoota ishee keessa jiraatan
barbadeessuuf ni dhufa.
10 Urjiiwwan samiitii fi tuunni isaanii
ifa isaanii hin kennan.
Aduun baatu ni dukkanoofti;
jiʼis ifa ishee hin kennitu.
11 Ani addunyaa kana sababii jalʼina isaatiif,
hamoota sababii cubbuu isaaniitiif nan adaba.
Ani of tuulummaa of jajjootaa nan balleessa;
of guddisuu gara jabeeyyii illee gadin deebisa.
12 Ani akka namni warqee qulqulluu caalaa gati qabeessa,
warqee Oofiir caalaas muraasa taʼu nan godha.
13 Kanaafuu ani akka samiiwwan hollatan nan godha;
gaafa aariin isaa bobaʼutti
dheekkamsa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuutiin
lafti iddoo isheetii ni raafamti.
14 Namni hundinuu akkuma kuruphee adamsamtuu,
akkuma hoolota tiksee hin qabnee
gara saba isaatti deebiʼa;
namni kam iyyuu biyya isaatti baqata.
15 Namni boojiʼame hundinuu ni waraanama;
kan qabame kam iyyuu goraadeedhaan duʼa.
16 Daaʼimman isaanii fuuluma isaanii duratti ni cicciramu;
manneen isaanii ni saamamu;
niitonni isaaniis humnaan gudeedamu.
niitonni isaaniis humnaan gudeedamu.
17 Kunoo ani warra Meedee
kanneen meetii irraa dhimma hin qabne
warra warqeen hin gammachiifne jarattin kakaasa.
18 Iddaan isaanii dargaggoota fixxi;
isaan daaʼimmaniif hin naʼan;
ijoolleefis garaa hin laafan.
19 Baabilon ulfinni moototaa,
miidhaginni of jaja warra Baabilon
akkuma Sodoomii fi Gomoraa
irree Waaqaatiin garagalfamti.
20 Namni ishee keessa hin qubatu;
yookaan dhaloota hunda keessatti
namni ishee keessa hin jiraatu;
namni ishee keessa hin jiraatu;
namni Arabaa tokko iyyuu dunkaana isaa achi hin dhaabbatu;
tikseen tokko iyyuu bushaayee isaa achi hin boqochiifattu.
21 Garuu bineensonni bosonaa achi ciciisu;
waangoowwan mana ishee ni guutu;
urunguun achi jiraatti;
reʼeen diidaa achi keessa buburraaqxi.
22 Waraabessi daʼannoowwan ishee keessaa yuusa;
waangoonis manneen ishee mimmiidhagoo kan mootummaa
keessaa iyyiti.
keessaa iyyiti.
Yeroon ishee gaʼeera;
barri ishees hin dheeratu.