1 Waan nu dubbannu keessaa ijoon kana: Nu luba ol aanaa samii irra karaa mirga teessoo Isa Ulfina Qabeessa Samii keessaa sanaa taaʼe akkasii qabna. 2 Innis iddoo qulqullummaa fi dunkaana isa dhugaa kan utuu namaan hin taʼin Gooftaadhaan dhaabame keessa tajaajila.
3 Lubni ol aanaan kam iyyuu kennaa fi aarsaa dhiʼeessuuf muudama; kanaafuu lubni kun waan dhiʼeessu tokko qabaachuu qaba. 4 Waan luboonni akka seeraatti kennaa dhiʼeessan duraanuu jiraniif, inni utuu lafa irra jiraatee silaa luba hin taʼu ture. 5 Isaanis iddoo qulqullummaa kan fakkeenyaa fi gaaddidduu wantoota samii tajaajilu. Waaqnis yommuu Museen dunkaana qulqulluu dhaabuuf kaʼetti, “Waan hunda akkuma fakkeenya tulluu irratti sitti argisiifame sanaatti hojjechuu kee mirkaneeffadhu!”[a] jedhee isa akeekkachiisuun isaa kanumaaf. 6 Garuu akkuma kakuun inni Yesuus gidduu galeessa taʼeef sun kakuu moofaa akka malee caalu sana tajaajilli inni fudhates tajaajila isaanii irra guddaa dha; kakuun haaraan waadaa caalu irratti hundeeffameetii.
7 Utuu kakuun jalqabaa sun mudaa qabaachuu baatee silaa kakuun lammaffaan hin barbaachisu ture. 8 Waaqni garuu saba sana irratti balleessaa argee akkana jedha;
13 Innis kakuu kanaan “haaraa” jedhee kakuu jalqabaa sana moofesseera; wanni moofaʼee fi wanni dulloome dafee bada.
<- Ibroota 7Ibroota 9 ->