1 Seerri gaaddidduu waan gaarii dhufuuf jiruu qofa malee bifa dhugaa miti. Kanaafuu seerichi aarsaa utuu wal irraa hin citin wagguma waggaan dhiʼeeffamu sanaan gonkumaa namoota waaqeffachuuf dhiʼaatan sana warra mudaa hin qabne gochuu hin dandaʼu. 2 Utuu isaan waan kana gochuu dandaʼanii silaa aarsaan dhiʼeeffamuun isaa ni hafa ture mitii? Waaqeffattoonnis siʼa tokko yeroo hundaaf ni qulqulleeffamu turaniitii; ergasii sababii cubbuu isaaniitiif yakki isaanitti hin dhagaʼamu ture. 3 Aarsaawwan kunneen garuu wagguma waggaan cubbuu nama yaadachiisu. 4 Sababiin isaas dhiigni korommiitii fi dhiigni reʼootaa gonkumaa cubbuu dhabamsiisuu hin dandaʼuutii.
5 Kanaafuu Kiristoos yommuu gara addunyaa dhufetti akkana jedhe:
11 Lubni hundinuu guyyuma guyyaan dhaabatee tajaajila isaa raawwata; aarsaa gonkumaa cubbuu dhabamsiisuu hin dandeenye sanas yeroo hunda dhiʼeessa. 12 Lubni kun garuu erga aarsaa tokkicha bara baraan cubbuudhaaf dhiʼeessee booddee gara mirga Waaqaa taaʼe. 13 Yeroo sanaa jalqabees hamma diinonni isaa ejjeta miilla isaa taasifamanitti ni eeggata; 14 inni aarsaa tokkicha sanaan warra qulqulleeffamuutti jiran kanneen bara baraan mudaa hin qabne godheeraatii.
15 Hafuurri Qulqulluunis waaʼee kanaa dhugaa nuu baʼa. Innis jalqabatti akkana jedha:
19 Kanaafuu yaa obboloota, nu dhiiga Yesuusiin gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼeetti galuuf ija jabina waan qabnuuf 20 karaa haaraa fi jiraataa golgaa keessaan jechuunis karaa foon isaatiin nuu baname sanaan 21 waan luba guddaa mana Waaqaa irratti qabnuuf, 22 kottaa akka qalbiin keenya yaada yakka qabaachuu irraa qulqulleeffamuuf garaa keenyatti nuu facaafamee, dhagna keenyas bishaan qulqulluun dhiqannee garaa qulqulluu amantii mirkanaaʼaa guutuu qabuun Waaqatti dhiʼaannaa. 23 Inni waadaa gale sun waan amanamaa taʼeef kottaa nu utuu hin raafamin abdii dhugaa baanu sana jabeessinee qabannaa. 24 Kottaa jaalalaa fi hojii gaariif wal kakaasuuf itti yaadnaa. 25 Akka namoonni tokko tokko walitti qabamuu dhiisan sana kottaa nu walitti qabamuu hin dhiifnuu; qooda kanaa akka guyyaan sun dhiʼaate waan argitaniif ittuma caalchifnee wal haa jajjabeessinu.
26 Nu erga beekumsa dhugaa argannee booddee yoo beekaa ittuma fufnee cubbuu hojjenne, siʼachi aarsaan cubbuuf dhiʼeeffamu hin jiraatu; 27 garuu murtii fi ibidda hamaa diinota Waaqaa barbadeessu sodaan eeggachuu qofatu jiraata. 28 Namni seera Musee tuffate kam iyyuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin gara laafina malee ajjeefama. 29 Nama Ilma Waaqaa irra ejjete, nama dhiiga kakuu kan ittiin qulqulleeffame sana akka waan qulqulluu hin taʼiniitti hedee fi nama Hafuura ayyaanaa arrabse tokko adabbii hammam caalaa guddaatu isaaf mala seetu? 30 Nu isa, “Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa”[d] jedhe sana beeknaatii; akkasumas, “Gooftaan saba isaatti ni mura”[e] jedhe. 31 Harka Waaqa jiraataatti kufuun sodaachisaa dha.
32 Bara duraa yeroo erga ifni isinii ifee booddee walʼaansoo dhiphinaa guddaa obsitanii keessa dhaabattan sana yaadadhaa. 33 Isin yeroo tokko tokko fuula namootaa duratti arrabsoo fi ariʼatamaaf saaxilamtanii turtan; yeroo kaan immoo namoota rakkinni akkasii irra gaʼe wajjin hirmaachaa turtan. 34 Isin mataan keessan akka qabeenya wayyu kan hin dabarre qabdan waan beektaniif warra hidhaman wajjin dhiphattaniirtu; yommuu qabeenyi keessan saamamus gammachuudhaan fudhattaniirtu. 35 Kanaafuu ija jabina keessan isa gatii guddaa qabu sana hin gatinaa.
36 Yommuu fedhii Waaqaa raawwattanittis akka waan inni waadaa gale sana argattaniif obsuu isin barbaachisaatii.