1 Yeroo sana Abrahaam dulloomee, umuriin isaa akka malee dheeratee ture;
5 Tajaajilaan sun immoo, “Yoo dubartiin sun na wajjin gara biyya kanaa dhufuuf fedhii qabaachuu baatte hoo? Ani ilma kee gara biyya ati keessaa dhufte sanaatti deebisee geessuun qabaa?” jedhee isa gaafate.
6 Abrahaamis akkana isaan jedhe; “Ati akka ilma koo deebiftee biyya sanatti hin geessine of eeggadhu. 7
10 Tajaajilaan sunis gaala gooftaa isaa keessaa kudhan fudhatee gooftaa isaa biraa immoo kennaawwan filatamoo gosa hundaa feʼatee qajeele; innis magaalaa Naahoor ishee kaaba dhiʼa Phaadaan Arraam keessatti argamtuu dhaqe. 11 Innis akka gaalawwan sun magaalattiin alatti boolla bishaanii cina jijilbeenfatan godhe; yeroon sun gara galgalaa yeroo itti dubartoonni bishaan waraabbachuu baʼan ture.
12 Innis akkana jedhee kadhate; “Yaa
15 Utuu inni kadhatee hin fixatin Ribqaan okkotee ishee gatiittiitti baadhattee dhufte. Isheenis intala ilma Miilkaa kan Betuuʼeel jedhamu sanaa turte; Miilkaan immoo niitii obboleessa Abrahaam kan Naahoor jedhamu sanaa ti. 16 Intalli sunis akka malee bareedduu fi durba turte; dhiirri tokko iyyuu ishee wajjin hin ciifne. Isheenis gara burqaatti gad buutee okkotee isheetti bishaan guuttattee ol deebite.
17 Tajaajilaan sunis ishee simachuuf itti fiigee, “Maaloo okkotee kee keessaa bishaan xinnoo ishee naa kenni” jedheen.
18 Isheenis, “Yaa gooftaa ko, dhugi” jetteenii daftee okkotee ishee harkatti gad buufattee bishaan dhugaatii kenniteef.
19 Isheenis erga bishaan isa obaaftee booddee, “Ani gaalawwan keetiifis hamma isaan dhuganii dheebuu baʼanitti nan waraaba” jette. 20 Daftees okkotee ishee keessaa bidiruutti garagalchitee ammas bishaan waraabuudhaaf gara boolla bishaaniitti fiigde; gaalawwan isaa hundaafis bishaan waraabde. 21 Namichi sunis akka
22 Erga gaalawwan bishaan dhuganii booddee namichi amartii funyaanii kan warqee kan walakkaa saqilii ulfaatuu fi bitawoo warqee kan saqilii kudhan ulfaatu lama gad baasee, 23 “Ati intala eenyuu ti? Yoo mana abbaa keetii iddoon bulan jiraatte maaloo mee natti himi” jedhee gaafate.
24 Isheenis, “Ani intala Betuuʼeel; Betuuʼeel immoo ilma Miilkaan Naahooriif deessee dha” isaan jette. 25 Itti dabaltees, “Cidii fi okaa baayʼee qabna; kutaan isin bultanis jira” jetteen.
26 Namichis gad jedhee
28 Intalattiinis fiigdee dhaqxee warra mana haadha ishee jiranitti waaʼee waan kanaa himte. 29 Ribqaan obboleessa Laabaa jedhamu tokko qabdi turte; Laabaanis fiigee namicha burqaa bishaanii bira jiru sana bira dhaqe. 30 Innis yommuu obboleettii isaa irratti amartii funyaanii warqeetii fi bitawoo argetti, yommuu utuu Ribqaan waan namichi sun isheedhaan jedhe dubbattuu dhagaʼetti, gara namichaatti gad baʼe; namichis burqaa bishaanii cina gaalawwan bira dhaabatee ture. 31 Namicha sanaanis, “Yaa namicha
32 Kanaafuu namichi sun gara manaa dhaqe; Laabaanis gaalawwan irraa feʼiisa buusee cidii fi okaa kenneef; akka miilla isaanii dhiqataniif immoo namichaa fi warra isa wajjin turaniif bishaan kenne. 33 Ergasiis nyaanni dhiʼaateef; namichi sun garuu, “Ani hamman dhimma koo himadhutti hin nyaadhu” jedhe.
34 Innis akkana jedhe; “Ani tajaajilaa Abrahaamii ti. 35
39 “Anis, ‘Yoo dubartiin sun na wajjin dhufuuf fedhii qabaachuu baattee hoo?’ jedhee gooftaa koo nan gaafadhe.
40 “Innis akkana naan jedhe; ‘
42 “Ani harʼa yommuun gara burqaa kanaa dhufetti akkanan jedhe; ‘Yaa
45 “Utuu ani garaa koo keessatti kadhadhee hin fixatin Ribqaan okkotee ishee gatiittiitti baadhattee gad dhufte. Isheenis gara burqaa sanaatti gad buutee bishaan waraabbatte; anis, ‘Maaloo bishaan na obaasi’ nan jedheen.
46 “Isheenis daftee okkotee ishee gatiittii irraa gad buufattee, ‘Dhugi; ani gaalawwan kees nan obaasaa’ jette. Anis nan dhuge; isheen immoo gaalawwan obaafte.
47 “Anis, ‘Ati intala eenyuu ti?’ jedheen ishee gaafadhe.
50 Laabaa fi Betuuʼeelis akkana jedhanii deebisan; “Wanni kun
52 Tajaajilaan Abrahaamis yommuu waan isaan jedhan dhagaʼetti lafatti gombifamee
55 Obboleessi isheetii fi haati ishee garuu, “Intalattiin guyyuma kudhan illee nu bira haa turtu; ergasiis isheen deemuu dandeessi” jedhan.
56 Inni garuu, “Erga
57 Isaanis, “Mee intalattii waamnee waan isheen jettu gaafanna” jedhan. 58 Kana irratti isaan Ribqaa waamanii, “Namicha kana wajjin deemuu feetaa?” jedhanii ishee gaafatan.
59 Kanaafuu isaan obboleettii isaanii Ribqaa fi guddiftuu ishee, tajaajilaa Abrahaamii fi namoota isaa wajjin geggeessan. 60 Isaanis akkana jedhanii Ribqaa eebbisan;
61 Ribqaa fi tajaajiltuuwwan ishee qophaaʼanii gaalawwan isaanii yaabbatanii namicha faana buʼan; namichis Ribqaa fudhatee deeme.
62 Yeroo sana Yisihaaq boolla bishaanii Beʼeer Lahaayirooʼiitii dhufee Negeeb keessa jiraachaa ture. 63 Innis gaaf tokko gara galgalaa utuu bakkeetti baʼee waa yaadaa jiruu oli ilaalee kunoo gaalawwan dhufaa jiran arge. 64 Ribqaanis ol ilaaltee Yisihaaqin argite; gaala irraas buutee 65 tajaajilaa sanaan, “Namichi nu simachuuf bakkee keessa as deemaa jiru sun eenyu?” jettee gaafatte.
66 Tajaajilaan sunis waan hojjete hunda Yisihaaqitti hime. 67 Yisihaaqis dunkaana haadha isaa Saaraatti ol ishee galfate; Ribqaa fuudhes. Akkasiin isheen niitii isaa taate; innis ishee jaallate; Yisihaaqis duʼa haadha isaa irraa ni jajjabaate.
<- Uumama 23Uumama 25 ->