9 Isaanis, “Niitiin kee Saaraan eessa jirti?” jedhanii isa gaafatan.
Innis, “Kuunnoo dunkaana keessa jirti” jedheen.
10 Isaan keessaa tokko, “Ani dhugumaan bara dhufu keessa yeroo akkanaatti deebiʼee gara kee nan dhufa; niitiin kee Saaraanis ilma ni deessi” jedhe.
Yeroo sana Saaraan balbala dunkaanaa kan isa duubaan jiru keessaan dhaggeeffachaa turte. 11 Abrahaamii fi Saaraan umuriin isaanii dheeratee dulloomanii turan; Saaraanis umurii itti mucaa daʼuu dandeessu dabartee turte. 12 Kanaafuu Saaraan, “Ani erga jaaree bututee, gooftaan koos erga dulloomee booddee, gammachuu kana qabaachuu nan dandaʼaa?” jettee of keessatti kolfite.
13 Kana irratti Waaqayyo Abrahaamiin akkana jedhe; “Saaraan maaliif, ‘Ani ergan dulloomee booddee amma dhugumaan mucaa nan daʼaa?’ jettee kolfite? 14 Wanni Waaqayyoof hin dandaʼamne tokko iyyuu jiraa? Ani bara dhufu keessa yeroo murteeffametti deebiʼee gara kee nan dhufa; Saaraanis ilma ni deessi.”
15 Saaraanis waan sodaatteef sobdee, “Ani hin kolfine” jette.
Inni garuu, “Lakkii kolfiteertaa” jedhe.
Abrahaam Sodoomiif Kadhachuu Isaa
16 Namoonni sun yommuu deemuuf kaʼanitti gara Sodoom gad ilaalan; Abrahaamis isaan geggeessuuf jedhee isaan wajjin baʼe. 17 Ergasii Waaqayyo akkana jedhe; “Ani waanan gochuuf jiru Abrahaamin nan dhoksaa? 18 Abrahaam dhugumaan saba guddaa fi jabaa taʼa; sabni lafa irraa hundinuu karaa isaatiin eebbifama. 19 Akka inni ijoollee isaatii fi sanyii isaa warra isa duubaan dhufan, akka isaan waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjechuudhaan karaa Waaqayyoo eegan ajajuuf ani isa filadheeraatii; kunis akka Waaqayyo waan Abrahaamiif kakate sana isaaf guutuuf.”
20Waaqayyos akkana jedhe; “Iyyi Sodoomii fi Gomoraa irratti iyyame guddaa dha; cubbuun isaaniis waan akka malee hamaa taʼeef 21 ani gad buʼee akka wanni isaan hojjetan akkuma iyya na qaqqabe sanaa hamaa taʼe nan ilaala. Yoo akkas taʼuu baate immoo natu beeka.”
22 Namoonni sunis garagalanii Sodoomitti qajeelan; Abrahaam garuu Waaqayyo dura dhaabatee hafe. 23 Abrahaamis isatti dhiʼaatee akkana jedhe; “Ati nama qajeelaa nama jalʼaa wajjin ni balleessitaa? 24 Yoo namoonni qajeeloon shantamni magaalattii keessa jiraatan hoo? Ati dhugumaan ishee ni balleessitaa? Sababii qajeelota shantamman ishee keessa jiraatan sanaatiif jettee ishee hin oolchituu? 25 Qajeelaa fi hamaa wal qixxee ilaaluudhaan nama qajeelaa nama hamaa wajjin balleessuun sirraa haa fagaatu. Kun sirraa haa fagaatu! Abbaan murtii lafa hundaa waan qajeelaa hin hojjetuu?”
26Waaqayyos, “Ani yoo magaalaa Sodoom keessatti qajeeltota shantama argadhe, isaaniif jedhee iddoo sana guutuu nan oolcha” jedhe.
27 Abrahaam ammas akkana jedhe; “Kunoo ani utuman awwaaraa fi daaraa taʼee jiruu Gooftaatti dubbachuuf ija jabaadheera; 28 yoo baayʼinni qajeeltotaa shantama irraa shan hirʼate hoo? Ati sababii namoota shanan sanaatiif jettee magaalaa sana guutuu ni balleessitaa?”
Innis, “Ani yoo nama afurtamii shan achitti argadhe ishee hin balleessu” jedhe.