1 Abraam niitii isaatii fi waan qabu hunda wajjin Gibxii kaʼee Negeebitti ol baʼe; Looxis isa wajjin deeme. 2 Abraamis horiin, meetii fi warqeedhaan akka malee soorome.
3 Innis Negeebii kaʼee hamma Beetʼeel, iddoo Beetʼeelii fi Aayi gidduu, lafa dunkaanni isaa jalqabatti ture sana gaʼutti iddoo tokkoo gara iddoo biraatti deemsa isaa itti fufe; 4 iddoon sunis lafa inni yeroo jalqabaatiif iddoo aarsaa itti ijaaree dha. Abraamis achitti maqaa
5 Loox namichi Abraam wajjin deemaa ture suni akkasuma bushaayee, saawwanii fi dunkaanota qaba ture. 6 Yeroo isaan walii wajjin jiraatanitti lafti isaanitti dhiphatte; sababii qabeenyi isaanii akka malee guddateefis isaan wal bira jiraachuu hin dandeenye. 7 Kanaafuu tiksoota Abraamii fi tiksoota Loox gidduutti lolli uumame. Yeroo sanatti Kanaʼaanonnii fi Feerzonnis biyya sana keessa jiraachaa turan.
8 Abraamis Looxiin akkana jedhe; “Nu waan obboloota taaneef, siʼii fi ana gidduu yookaan tiksoota keetii fi tiksoota koo gidduu lolli hin jiraatin. 9 Lafti hundi fuula kee dura jirti mitii? Kottu gargari godaannaa. Yoo ati gara bitaatti deemte, ani gara mirgaatti nan deema; yoo ati gara mirgaatti deemte immoo ani gara bitaatti nan deema.”
10 Looxis ol jedhee ilaalee akka hurufni Yordaanos hundi akkuma iddoo biqiltuu
14 Erga Loox isa biraa godaanee booddee
18 Kanaafuu Abraam dunkaana isaa buqqifatee qilxuuwwan Mamree kanneen Kebroonitti argaman bira jiraachuu dhaqe; achittis iddoo aarsaa