1 Ergasis ani isaa, “Warra tokkoon tokkoon isaanii miʼa lolaa harkatti qabatanii magaalattii balleessan as dhiʼeessi” jedhee gurra kootti iyyu nan dhagaʼe. 2 Anis utuu namoonni jaʼa kallattii karra ol aanuu kan gara kaabaa ilaaluun tokkoon tokkoon isaanii meeshaa nama ajjeesu harkatti qabatanii dhufaa jiranuu nan arge. Isaan wajjinis nama uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffate kan mudhii isaatti korojoo katabbii hidhate tokkotu ture. Isaanis ol seenanii iddoo aarsaa naasii bira dhaabatan.
3 Ulfinni Waaqa Israaʼelis iddoo irra buʼee ture kiirubeelii irraa kaʼee gara gulantaa mana qulqullummaatti qajeele. Ergasiis
5 Inni utuma ani dhagaʼuu warra kaaniin akkana jedhe; “Magaalattii keessa isa faana deemaatii utuu garaa hin laafin yookaan utuu hin mararfatin ajjeesaa. 6 Jaarsota, dargaggeeyyii, shamarran, dubartootaa fi ijoollee ajjeesaa; nama mallattoo qabu kam iyyuu garuu hin tuqinaa. Iddoo qulqullummaa koo irraa jalqabaa.” Kanaafuu isaan jaarsota fuula mana qulqullummaa dura jiran irraa jalqaban.
7 Innis, “Mana qulqullummaa xureessaa; waltajjichas reeffaan guutaa. Itti baʼaa!” jedheen. Kanaafuu isaan gad baʼanii magaalattii guutuu keessatti ajjeesuu jalqaban. 8 Utuu isaan ajjeesaa jiranii, ani kophaa koo hafee addaan lafatti gombifamee, “Ani bade yaa
9 Innis akkana jedhee naaf deebise; “Cubbuun mana Israaʼelii fi Yihuudaa akka malee guddaa dha; biyyattiin dhiiga dhangalaasuudhaan, magaalaan immoo jalʼinaan guutamteerti. Isaan, ‘
11 Ergasii namichi uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee korojoo katabbii mudhii isaatti hidhate sun deebiʼee dhufee, “Ani akkuma ati na ajajje sana godheera” jedhe.
<- Hisqiʼeel 8Hisqiʼeel 10 ->