1 Waggaa jaʼaffaatti, jiʼa jaʼaffaa keessa guyyaa shanaffaatti, utuu ani mana koo keessa taaʼee, maanguddoonni Yihuudaas fuula koo dura tataaʼanii jiranuu achumatti harki
5 Innis, “Yaa ilma namaa, gara kaabaa ilaali” naan jedhe; anis milʼadhee karaa karra balbala kaabaa kan iddoo aarsaatiin waaqa tolfamaa kan hinaaffaa sana nan arge.
6 Innis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, wantoota akka malee jibbisiisoo kanneen akka ani iddoo qulqulluu koo irraa fagaadhu na godhan kan manni Israaʼel asitti gochaa jiru kana ni argitaa? Ati garuu waan waan kana caalaa jibbisiisaa taʼe iyyuu ni argita.”
7 Ergasii inni gara karra oobdiitti na fide. Anis milʼadhee qaawwa keenyan manaa nan arge. 8 Innis, “Yaa ilma namaa, keenyan manaa uri” naan jedhe. Kanaafuu ani keenyan manaa sana uree balbala tokko achitti nan arge.
9 Innis, “Ol seeniitii waan hamaa fi jibbisiisaa isaan asitti hojjechaa jiran kana ilaali” naan jedhe. 10 Anis ol seeneen ilaale; kunoo ani gosa uumamawwan lafa irra looʼanii hunda, bineensota jibbisiisoo hundaa fi waaqota tolfamoo mana Israaʼel hunda keenyan manaa hunda irratti fakkeeffamanii nan arge. 11 Fuula isaanii duras maanguddoonni mana Israaʼel torbaatamni dhadhaabatanii turan; Yaazaniyaan ilmi Shaafaan immoo gidduu isaanii dhaabatee ture. Tokkoon tokkoon isaaniis harka isaaniitti girgiraa qabatanii turan; duumessi aara ixaanaa urgaaʼaanis ol baʼa ture.
12 Innis, “Yaa ilma namaa, waan maanguddoonni mana Israaʼel tokkoon tokkoon isaanii galma waaqeffannaa waaqa isaanii tolfamaa sanaa keessatti dukkana keessa hojjetan argiteertaa? Isaan, ‘
14 Ergasii gara karra balbala kaabaa kan mana
16 Ergasii immoo gara oobdii mana
17 Innis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, ati waan kana argitaa? Wantoota jibbisiisoo kanneen asitti hojjechuun isaanii mana Yihuudaatiif laayyoodhaa? Isaan gooliidhaan biyyattii guutanii yeroo hunda aariif na kakaasuu qabuu? Kunoo isaan funyaan isaaniitti damee kaaʼataniiru! 18 Kanaafuu ani dheekkamsaan isaanitti nan dhufa; ija gara laafinaatiinis isaan hin ilaalu yookaan isaan hin baasu. Isaan gurra kootti iyyan iyyuu, ani isaan hin dhagaʼu.”
<- Hisqiʼeel 7Hisqiʼeel 9 ->