1 Sana booddee namichi sun balbala iddoo qulqulluu kan karaa alaatiin gara baʼa biiftuutti garagalutti deebisee na fide; balballi sunis cufamee ture. 2
4 Namichi sun karra kaabaatiin gara fuullee mana qulqullummaatti na fide. Anis milʼadheen akka ulfinni
5
10 “ ‘Lewwonni warri yeroo Israaʼeloonni narraa jalʼatanitti waaqota isaanii duukaa buʼuudhaan jooran cubbuu isaaniitti gaafatamuu qabu. 11 Isaan itti gaafatamummaa karrawwan mana qulqullummaa qabaachuudhaan, isa keessas tajaajiluudhaan iddoo qulqulluu koo keessa tajaajiluu dandaʼu; qalma gubamu qalanii maqaa uummataatiin dhiʼeessuu, fuula uummataa dura dhaabataniis uummata tajaajiluu ni dandaʼu. 12 Garuu sababii isaan fuula waaqota isaanii duratti uummata tajaajilanii mana Israaʼel cubbuudhaan kuffisaniif ani akka isaan cubbuu isaaniitti gaafatamaniif harka ol kaafadhee kakadheera, jedha
15 “ ‘Luboonni warri Lewwotaa fi sanyii Zaadoq taʼanii fi warri yeroo Israaʼeloonni karaa koo irraa jalʼatanitti hojii iddoo qulqulluu koo amanamummaadhaan deemsisan fuula koo dura tajaajiluudhaaf dhiʼaachuu qabu; coomaa fi dhiigas aarsaa godhanii dhiʼeessuuf fuula koo dura dhaabachuu qabu, jedha
17 “ ‘Isaan yeroo karra oobdii gara keessaatiin seenanitti wayyaa quncee talbaa irraa dhaʼame uffachuu qabu; yeroo karra oobdii gara keessaa dura yookaan mana qulqullummaa keessa tajaajilanitti wayyaa suufii irraa dhaʼame kam iyyuu uffachuu hin qaban. 18 Isaan marata quncee talbaa irraa dhaʼame mataa isaaniitti maratanii wayyaa jalaa kan quncee talbaa irraa dhaʼame mudhii isaaniitti hidhachuu qabu. Wayyaa isaan dafqisiisu kam iyyuu uffachuu hin qaban. 19 Isaan yeroo gara oobdii alaa iddoo uummanni jirutti gad baʼanitti uffata ittiin tajaajilaa turan sana of irraa baasanii dareewwan qulqulluu keessa kaaʼuu qabu; akka uffata isaaniitiin uummata hin qulqulleessineefis uffata biraa uffachuu qabu.
20 “ ‘Rifeensa mataa isaanii haaddachuu yookaan guddisuu hin qaban; garuu rifeensa mataa isaanii murachuu qabu. 21 Lubni kam iyyuu yeroo oobdii gara keessaa seenutti daadhii wayinii dhuguu hin qabu. 22 Isaan haadha hiyyeessaa yookaan niitii dhirsi hiike fuudhuu hin qaban; durba sanyii Israaʼel yookaan niitii lubni irraa duʼe qofa fuudhuu dandaʼu. 23 Isaan garaa garummaa waan qulqulluu fi waan qulqulluu hin taʼin gidduu jiru saba koo barsiisanii akka isaan waan xuraaʼaa fi waan qulqullaaʼaa addaan baafatan itti argisiisuu qabu.
24 “ ‘Falmii kam iyyuu keessatti luboonni akka abbootii seeraatti haa tajaajilan; akka sirna koottis haa murteessan. Isaan seera koo fi ajaja koo kan ayyaana kootiif murteeffame hundaaf kenname sana eeguu qabu; Sanbatoota koos qulqulleessanii eeguu qabu.
25 “ ‘Lubni tokko nama duʼetti dhiʼaachuudhaan of xureessuu hin qabu; haa taʼu malee yoo namni duʼe sun abbaa isaa yookaan haadha isaa, ilma isaa yookaan intala isaa, obboleessa isaa yookaan obboleettii isaa kan hin heerumin taʼe garuu inni of xureessuu dandaʼa. 26 Inni erga qulqullaaʼee booddee guyyaa torba eeguu qaba. 27 Innis gaafa iddoo qulqulluu keessa tajaajiluuf oobdii iddoo qulqulluu isa gara keessaa seenutti aarsaa cubbuu waaʼee ofii isaatiif dhiʼeessuu qaba, jedha
28 “ ‘Dhaalli luboonni qaban anuma qofa. Isin Israaʼel keessatti qabeenya tokko illee isaaniif kennuu hin qabdan; ani qabeenya isaanii nan taʼa. 29 Isaan kennaa midhaanii, aarsaa cubbuutii fi aarsaa yakkaa ni nyaatan; wanni Israaʼel keessaa