1 Innis, “Yaa ilma namaa waan fuula kee dura jiru nyaadhu; kitaaba maramaa kana nyaadhu; ergasii dhaqiitii mana Israaʼelitti himi” naan jedhe. 2 Kanaafuu ani afaan koon banadhe; innis akka ani nyaadhuuf kitaaba maramaa sana naa kenne.
3 Innis, “Yaa ilma namaa, kitaaba maramaa ani siif kennu kana nyaadhu; garaa kees ittiin guuttadhu” naan jedhe. Anis nan nyaadhe; afaan koo keessattis akka dammaa natti miʼaawe.
4 Ergasii immoo akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, amma gara mana Israaʼel dhaqiitii dubbii koo isaanitti himi. 5 Ati gara mana Israaʼelitti malee gara uummata haasaan isaa namaa hin gallee fi afaan isaa nama rakkisuutti hin ergamne; 6 ati gara uummata haasaan isaanii namaa hin gallee fi afaan isaanii nama rakkisu kan ati dubbii isaanii illee hubachuu hin dandeenyeetti hin ergamne. Dhugumaan utuu ani isaanitti si ergee jiraadhee silaa isaan si dhaggeeffatu ture. 7 Manni Israaʼel garuu sababii ana dhagaʼuu hin feeneef siinis dhagaʼuu hin fedhan; manni Israaʼel hundi didaa fi mata jabeeyyiidhaatii. 8 Kunoo, ani fuula kee fuula isaaniitti jabeesseera; adda kee illee adda isaatiin jabeesseera. 9 Adda kee akka dhagaa akka malee jabaa kan dhagaa baalcii caalaa jabaatuu nan godha. Isaan mana fincilaa taʼan iyyuu ati isaan hin sodaatin yookaan isaan si hin rifachiisin.”
10 Innis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, waan ani sitti dubbadhu hunda sirriitti dhagaʼiitii garaatti qabadhu. 11 Amma gara saba kee warra boojiʼaman sanaa dhaqiitii isaanitti dubbadhu. Isaan dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis, ‘
12 Ergasiis Hafuurri ol na kaase; anis sagalee guddaa gigigsu kan, “Ulfinni
16 Dhuma guyyaa torbaffaatti dubbiin
20 “Amma illee yoo namni qajeelaan tokko qajeelummaa isaa irraa jalʼatee hammina hojjete, ani fuula isaa dura gufuu nan kaaʼa; innis ni duʼa. Waan ati isa hin akeekkachiisiniif inni cubbuu isaatiin ni duʼa; wanni qajeelaan inni hojjete sunis isaaf hin herregamu; anis dhiiga isaatiif sin gaafadha. 21 Garuu yoo ati nama qajeelaa sana akka inni cubbuu hin hojjenneef isa akeekkachiiftee innis cubbuu hojjechuu baate, inni sababii akeekkachiisa sana fudhateef dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata; atis lubbuu kee ni oolfatta.”
22 Achittis harki
24 Ergasii Hafuurri anatti seenee miilla kootiin na dhaabachiise. Innis akkana jedhee natti dubbate: “Mana keetti galiitii ofitti cufi. 25 Yaa ilma namaa, isaan funyoodhaan si hidhu; ati akka uummata gidduu deemuu hin dandeenyeef ni hidhamta. 26 Isaan mana fincilaa taʼan iyyuu, ani akka ati hin dubbannee fi isaanitti dheekkamuu hin dandeenyeef arraba kee laagaa keetti nan maxxansa. 27 Ani yeroon sitti dubbadhutti garuu afaan kee siifan bana; atis, ‘