1 Ergasii dubbiin
5 “Oholaan utuma kan koo taatee jirtuu sagaagalummaa jalqabde; isheenis michoota ishee jechuunis loltoota Asoor kajeelte; 6 isaanis loltoota wayyaa bifa cuquliisaa uffatan, bulchitootaa fi ajajjoota; isaan hundinuus namoota mimmiidhagoo kanneen farda yaabbatan turan. 7 Isheenis hayyoota Asoor hundaaf sagaagalummaadhaan of kennite; waaqota tolfamoo namoota isheen kajeelte sanaa hundaanis of xureessite. 8 Isheen sagaagalummaa ishee kan biyya Gibxi keessatti jalqabde sana hin dhiifne; yeroo shamarrummaa isheetti namoonni ishee wajjin ciisan fiixee guntuta ishee kan yeroo durbummaa qaqqabatanii dharraa sagaagalummaa isaanii ishee irratti dhangalaasan.
9 “Kanaafuu ani michoota ishee, Asoorota isheen dharraatetti dabarsee ishee nan kenne. 10 Isaanis qullaa ishee mulʼisan; ilmaanii fi intallan ishee ni fudhatan; goraadeedhaanis ishee ajjeesan. Isheen dubartoota keessatti waan kolfaa taatee murtiin ishee irratti raawwatame.
11 “Obboleettiin ishee Oholiibaa waan kana argitee turte; taʼus isheen dharraa isheetii fi sagaagalummaa isheetiin obboleettii ishee caalaa xuroofte. 12 Akkasumas isheen Asoorota jechuunis bulchitootaa fi ajajjoota, loltoota wayyaa irraa fi jalaa uffatan, namoota farda yaabbatan kanneen hundi isaanii dargaggeeyyii mimmiidhagoo taʼan dharraate. 13 Ani akka isheenis of xureessite nan arge; lachan isaanii iyyuu daandii tokko irra deemu.
14 “Isheen garuu sagaagalummaa ishee ittuma fufte. Fakkii namootaa kan keenyan manaa irratti fakkeeffame, fakkiiwwan Kaldootaa kan halluu diimaadhaan fakkeeffame, 15 kan mudhii isaanii irraa sabbata, mataa isaanii irraa immoo marata qaban argite; isaan hundi ajajjoota gaarii waraanaa kan Baabilonotaa, dhalattoota biyya Kaldootaa fakkaatu ture. 16 Isheenis akkuma isaan argiteen isaan dharraatee gara biyya Kaldootaatti ergamoota isaanitti ergatte. 17 Warri Baabilonis gara ishee, gara siree jaalalaa seenanii dharraa sagaagalummaa isaaniitiin ishee xureessan. Isheenis erga isaaniin xurooftee booddee jibbitee isaan irraa garagalte. 18 Yeroo isheen ifaan ifatti sagaagalummaa ishee itti fuftee qullaa of dhaabdetti, ani akkuman obboleettii ishee irraa gara gale sana jibbaan ishee irraa nan gara gale. 19 Taʼus isheen akkuma yeroo shamarrummaa ishee, yeroo biyya Gibxi keessatti sagaagaltuu turte sana yaadatteen sagaagalummaa ishee ittuma fufte. 20 Isheenis achitti michoota ishee kanneen dhagni saala isaanii, dhagna hormaata korma harree fakkaatu, fincaan isaanii kan dhiiraa immoo fincaan korma fardaa fakkaatu sana dharraate. 21 Kanaafuu ati addaggummaa yeroo shamarrummaa keetii kan yeroo biyya Gibxi turtetti harmi kee qaqqabatamee guntunni kee immoo tuttuqame sana yaadatte.
22 “Kanaafuu yaa Oholiibaa,
28 “
32 “
35 “Kanaafuu
36
40 “Akka namoonni biyya fagootii dhufaniif ergamoota itti ergan; isaanis ni dhufan; yommuu isaan dhufanittis ati dhagna kee dhiqattee, ija kee kuulattee faaya kee kaaʼatte. 41 Ati siree ulfinaa irra teesse; fuula siree sanaa dura minjaala keesse; minjaala sana irras ixaana kootii fi zayitii koo keesse.
42 “Wacni fandalaltootaa naannoo isheetti dhagaʼame; machooftonni namoota wacan sana wajjin gammoojjiidhaa dhufanis achi turan; isaanis irree dubartii sanaattii fi kan obboleettii isheetti bitawoo, mataa isaaniitti immoo gonfoo miidhagaa kaaʼaniif. 43 Anis, ‘Namoonni yeroo ishee wajjin sagaagalanitti isaan amma ejja hojjechuu isaaniitii mitii?’ nan jedhe. 44 Jarris ishee wajjin ciisan. Isaanis akkuma namoonni sagaagaltoota wajjin ciisan sana Oholaa fi Oholiibaa addaggeewwan sana wajjin ciisan. 45 Sababii isaan ejjitoota taʼanii fi dhiigni harka isaanii irratti argameef, namoonni qajeeltonni adabbii dubartoota ejjitootaa fi dhiiga dhangalaasaniif malu isaanitti muru.
46 “
48 “Kanaafuu akka dubartoonni hundi of eeggatanii fi isin duukaa hin buuneef ani biyyattii keessaa addaggummaa nan balleessa. 49 Isin addaggummaa keessaniif ni adabamtu; gatii cubbuu keessan kan waaqota tolfamoo waaqessuudhaan hojjettan sanaa ni argattu. Ergasiis akka ani