2 “Yaa ilma namaa, isheetti murtaa? Magaalaa dhiiga dhangalaaftu kanatti ni murtaa? Yoos hojii ishee jibbisiisaa sana itti himi; 3 akkanas jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa magaalaa of keessatti dhiiga dhangalaasuudhaan badii ofitti fiddee waaqota tolfamoo tolchuudhaan of xureessitu, 4 ati sababii dhiiga dhangalaafte sanaatiif yakka hojjetteerta; sababii waaqota tolfamoo tolchiteef immoo xuroofteerta. Ati bara kee gabaabsiteerta; xumuramuun bara keetiis dhiʼaateera. Kanaafuu ani namoota ormaa biratti tuffatamtuu, biyyoota hundaaf immoo waan qoosaa sin taasisa. 5 Yaa magaalaa salphatee gooliin si keessa guute, warri dhiʼoo fi fagoo jiraatan sitti qoosu.
6 “ ‘Akka tokkoon tokkoon ilmaan moototaa kanneen si keessa jiraatan humna isaaniitti fayyadamanii dhiiga dhangalaasan ilaali. 7 Abbootii fi haadhonni si keessatti salphifaman; alagoonni ni hacuucaman; ijoolleen abbaa hin qabnee fi haadhonni hiyyeessaa si keessatti miidhaman. 8 Ati miʼoota koo qulqulluu tuffattee Sanbata koos xureessite. 9 Namoonni dhiiga dhangalaasuuf maqaa nama balleessan si keessa jiru; warri galma waaqeffannaa tulluuwwan irraattii nyaatanii fi sagaagalan si keessa jiru. 10 Namoonni siree abbaa isaanii xureessan si keessa jiru; namoonni dubartoota xurii jiʼaa qaban kanneen akka seeraatti qulqulluu hin taʼin wajjin ciisanis si keessa jiru. 11 Si keessatti namni tokko niitii ollaa isaa wajjin waan jibbisiisaa hojjeta; kaan haala fokkisaadhaan niitii ilma isaa xureessa; kaan immoo obboleettii isaa, intaluma abbaa isaa xureessa. 12 Namoonni dhiiga dhangalaasuuf jedhanii si keessatti mattaʼaa fudhatu; atis hiiqii fi dhala fudhachuudhaan ollaa kee irraa buʼaa hin malle argachaa jirta. Ati na irraanfatteerta, jedha Waaqayyo Gooftaan.
13 “ ‘Ani dhugumaan buʼaa ati karaa hin malleen argattee fi dhiiga ati gidduu keetti dhangalaafte sanaaf harka koo walitti nan rurrukuta. 14 Gaafa ani si adabutti garaan kee jabaatee dhaabachuu yookaan harki kee humna qabaachuu dandaʼaa? Ani Waaqayyo dubbadheera; waan kanas nan godha. 15 Ani saboota keessa sin bittinneessa; biyyoota keessas sin facaasa; xuraaʼummaa kees sirraa nan qulqulleessa. 16 Ati yeroo fuula sabootaa duratti xurooftetti akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta.’ ”